Social_media
Qalbin isin hin cabin, Isinitu Jireenya Kabaja qabuu keessa jiraacha jira!.
keessaafuu facebooka yeroo bannu miira keenyaaf of eeggannoo guddaa godhuu qabna.
Fkn:- Facebook, Twwitter, Instagram,Telegram, yeroo seennu hiriyoottan keenya kan wal beeynu fi wal hin beeyne jidduu Suura,photon isaan Facebooki irratti maxxansan(Posti) godhan tan bakka bashannanatti ka’an, tan fuudhaf heerumaa, tan daawwannaaf magaalaa biraa deeman…

Isaani Hoggantoota adda addati fi Hayyoota, namoota beebbekamoo wajjin suura ka’anii,
Seeqani babbareechanii posti godhan arguu dandeessa.
Ati kana hunda yeroo laaltu waanuma Rabbiin si qofatti jiruu namaa gad akka taate faa sitti dhagayamuu danda’a. Ee gaa atis ilma namaatii mii ree? Mataa keetin wal bira qabdee ‘an hoo maal keessan jira?’ jattee of gaafachuun kee hafa hin qabu.
Garuu dhugaan jirtu Fb fi jireenyi waan lama tan addaa addaati.Namoonni
Tokko tokko Uffatuma ganama uffatte manaa isaati gadi baheeni jireenya isaa guutu madaala.
Tokko tokko immoo Idduma Bashannana guyyaa tokkos torbee tokkos haa taatu oolaniini jireenya isaanii madaalu barbaadu,Namoonni tokko tokko kana dhuga seheti jireenya mana isaanii tuffacha deemuus hedduudha.
Namni seeqaa suuraa maxxansu hundi gammadaadha jechuu miti.
Atuu yeroo camera dura dhaabbattu photo tolchuuf jattee numa hin seeqxa(Fuula kee dirirsitamiti)? Akkasi laal namni hundi haa xiqqaattu haa guddattu malee cinqii fi hiraar, rakkoo fi bu’aa ba’ii jireenya isaati wajji qabsoo keessa jira.
Ammoo namni gaddaa, hiraaraa photo ka’u, rakkoo fi cinqii isaa fb gubbatti baasu tokkolleen hin jiru.
SuadMuktarOfficial Youtube Irratti
Subscribe Godhaa
Jireenya_gammachuu_qabu_Jiraachuf!
Haal-dureen jireenya gammachuu qabu nu gonfachiisuuf qaama biraa irraa nuuf kennamu hinjiru, Phooto nama wajjin ka’uudhan argannu hin jiru
Furtuun gammachuu keenyaa harka keenya jira. Kan nu harkaa kunis, haala irratti kan hundaa’e miti.
Gammachuun haala irratti hinhundaa’u, haalaan oli! Osoo ta’ee silaa, kan qabaate hundi gammadaa kan dhabes gaddaa jiraata. Garuu miti. Fiixaan bahinsis furtuu gammachuu ta’uu dhiisuu mala.
Garuu gammachuun furtuu fiixaan bahinsaati. Qabeenya, beekumsa, kabaja, beekamtii….wan fedheyyuu haa ta’uutii, dhumnisaa gammachuu hinqabu taanaan homayyuu miti. Kana jechuun, gammachuun furtuu waan hundaati. Kanaafuu, gara deemtu hundumaatti of harkaa hin dhabiin.
Guyyaa milkii qabu keessa ooluuf ganama gammachuun bakka cisicha keetii ka’i. Yoos guyyaa ifaa qabaatta. Gammachuunkee furtuukeeti! Furtuukees dhiiftee gara kamuu hindeemiin.
Jireenya gammachuu qabaadhu!
Obboleessoo yoo nagaa feete jireenya kee photo profile namaatin waal hin madaalchisin.