#Marii_Hayyuufii_Hayyootaa
Guddina Biyyaaf Isaantu Furmaata!.
Baha Itoophiyaatti Mariin Hayyootaa gaggeeyfameera.Hayyuun Biyya ijaaruuf hayyooma.Hawaasa ijaaruuf hayyooma.
Qindoomina Godina H.Bahaa,Naannoo Harariifii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Akkasumas Godina Harargee lixaatiis dabalatee Marii qophaawedha.
Hayyoota Yuunuvarsitii Haramaayaafii Dirree Dhawaa akkasumas Koolleejiiwwaniifii Manneen barnootaa Godina H.Bahaafii Naannoo Hararii irraa hayyoonni Walitti dhufuudhaan sagantaa kana milkeeysaniiru.


Sagantichi Eeyba Abboottii Gadaa Afran Qalloofii Humbannaatiin baname.
Abbaan Gadaa Afran Qalloo Abdurazaaq Ahmad Soogidda Baqee hin dhumne isin hin baadhachiisin jechuudhaan du’aayii hiika guddaa qabdu godhaniiru.
Abbaan Gadaa Humbannaa Guysaa Ibsaa Biyya Hayyuun kun hundi jiru akkamiin Rakkoonuu qunnamti gaaffii jedhu hayyoota gaafachuudhaan Hayyoota Biyyaaf furmaataa isin haa godhu jedhaniiru.
Haasawa Pirezedantiin Mootummaa Naannoo Hararii Ordiin Badrii Taasisaniin sagantichi itti fufe.Obbo Ordiin haasawa isaanii keeysatti Seenaadhaan gaafa ilaallu Hararitti sagantaan kun qophaawuun waanuma haqaati jedhaniiru.Keeysummootaaniis Anaa dhufu jedhaniiru.
Hayyuu #Murtinan_Abdulle tiin Barreeyfamni Haala Jijjiiramaafii Qormaatota Biyya teenya qunnamaa turan kaasanii Kallattii furmaataas barreeyfama akeeku dhiheeysaniiru.
Kabajamoo Obbo Taye Dendea Aredo Marii Hayyoota kana Dr Hangaasa #Ahmed_Ibraahim waliin hoggananiiru.













Obbo Taayyeen Mariin kun Baha Itoophiyaatti taasifamuun Akka waan Itooohiyaa guutuutti taasifametti ilaalama jedhaniiru.Sababniis Biiftuun Bahaa ifte Bakka hunda wal gahuun waan hin oolleef jedhaniiru.
Dr Hangaasaaniis Warra Sagantaa kana qopheeysuu keeysatti Gahee leencaa Bahatan #Ahmedin_Usmael Jiru fii Warreen birootiis galateeyfataniiru.
Walumaa galatti Sagantichi Baha Itoophiyaa Irratti murannoofii Kutannoo Hayyoonniifii Ummanni qaban kan itti calaqqise jechuun ni dandayama.
Sirna Badhaasaa adda addaa keeysummootaaf kennuudhaan Xumurame.
https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=386704272824078&id=108277194000122