#Siidan_Yaadannoo_AbdiiMohammedQopheetif Dhabbachu qabaa?
#SEENAA_ABDII_QOPHEE
Hayyuun Oromoo Abdii qophee bara 1939 oromiyaa bahaa
Harargee aanaa dadaritti dhalatee guddate. Maqaan Abdi kan
warri baaseef Abdulwahab Mahammad Yusuf hogaa tahu
Jaalalarraa gabaabsani Abdii jedhaniin.
Qophee kan mogga’eef
ammoo yeroo muummee barnoota seenaa waggaa 2ffaa
baratu sababa mootummaa HS irratti fincila kaaftan jechuun
yunvarsiitii finfinnerraa ari’amee, Abbubaka muusaa waliin
raadiyoo hararitti koontiraatan qacaramuun qophii afaan
oromoon qopheessu eegalanitti uummanni maqaa masoo
kana moggaaseef. Kunis qophii afaan oromoo jechuun
somaliyaarra darbaa turen ummata haamilensaa abdii itti horaa
waan tureefi.
Abdiin yero dirree dhawaa turettis motummaa
Dargiin hidhamaa gidirfamaa ture. Yeroo hidhaa bahettis
hidhaa dhaabbii olii gadi socho’uu namootatti dabalamuu hin
dandeenye. Yerosittiis manatti ol deebi’e walaloo sirbaa
barreesutti taa’e.
Walaloo sirba yeroosii hireen tiyya jalloon
wanahuudessittee kararratti buutee guyya tokko hinqajeeltu
jechun carrasaa hifata takka ammo ummataaf jiraachuusa
kanatti boonee niin boonaan hireekoo naaf caalti ziqiyyaa
jedhee of jabeessa. Abdiin sirboota hedduu barreese. Garuu
walaloon abdi walee qofa mitti walaloon abdi falaasama,
seenaadha, siyaasa, duudhaa fii jiruu jireenya ummata
oromooti.
Abdiin nama samuu isaa keessatti yaada tokko
falaasafe deebi’e yaadauma sani wajjiin walmorku. Abdiin
nama jalala Hiidha deebi’e walaba baasudha.
Fkn “gaaf tokko namite jaalalti daguuti Dhaqeetin himadhe
dhadacha heerati, Ballama nuuf qabe Abbaan dhadachaati
Naaf isii kan moohu nuu eegaa walitti.
” Deebi’e ammas yaaduma kana akkana Jachuun diiga:-
jaalalti mootii mata ifiitu Heerafi seera namaati bultu na
harka baate dhoyfachu taatu (2x) jedhe ibsa. Takkammoo
namoota yeroo harkaa qaban nama waliin nyaatani yeroo
rakko nama gatan dugda garagalanis gaduma taa’e itti
wlalessa. https://www.facebook.com/108277194000122/posts/382848543209651/
Egaa abdii qopheen weellisaa, barreessaa walaloo
sirbaa, taphataa meeshaa muuziqaa, qorataa seenaa oromoo,
mul’isaa eenyummaa oromootii. Inumaanuu nama oromoof
dhalatee oroomoof jiraatee du’e kan seenaan isa hin
dubbatamneef hin jajamne ta’unsaa baay’ee nama gaddisiisa
goota kana.
Weellistoota Oromoo guutummaa Oromiyaa
keessaa aartii oromoo guddisaa turan cinaa gootaa
seenaansaa baay’ee hin leellifamne kanatu jira. Mee walaloo
sirboota yookin kaaseeta innii namootaaf kenne hangan
qoradhen sin yaadachisaa
1- Weellisaa Kadir Se’idiif: Kaaseeta kudhan walaloo sirbaa
barreesse kan kennee Abdii Qopheetii (ragaan Kadir
Se’idgaaffiif deebii O TV waliin godherratti dubbate.)
2- Weellisaa Abbitoo kabbaadaaf: abbitoon kaaseetaguutu
qabatee Abdii bira deemuun kan ofii dhiise kan abdiin
qopheesse kaaseeta tokkoo guutuu sirboota nugusuu
taammiraat irra deebi’ee sirbe hundsaa hojjate. Sirboota kana
Abdii Qophees sirbeera yaannii koo gama keet, harraa gessii
wallaggaa, allattin dirree dawaa as koottu asin jiraa, halkan
guyyaa ciiseen siiyada…… sirboota abdii qopheeti
3- Raayyaa Abbaa Maccaa: namni dhugaadhaa kami
akeekkadhu naa himi
4- Aalmaaz Tafarraa: kaaseeta sirbaa 10 qabdi isaan keessaa
walaloo sirboota kaaseeta 9 Abdi Qopheetu barreesse kenneef
(ragaan gaaffif deebii weellistuun kun bara 2002 ttii taasisteen
kan dubbattee.
5- Halloo Daawwee: dhuunfaan kaaseeta hedduu hojjate
ragaan ishumatu naaf hime, keessattuu sirboota gareen afur
taane hojjanne Abdii qopheeti inni utubaa baandii arfan
qal’ooti jetti yoo ibsitu.
Weellistoota oromiyaa bahaa jiran
hundaafu namni in ni hin kennine hin jiru jetti Alii Birraa fi
mahammad xawwil sirba cidh kan isaa irra deebi’anii sirban
jetti yoo dhugaa hojiisaa ibsitu
6- Usmaayoo Muusaaf: usmaayoon kaaseta 6 qaba yeroo inni
hidhaa bahettii walaloo sirboota kaaseeta guutuu qopheesse
gumaata baga baatee dhangaa aartiin harka fuudhe jeettii
ibsite haati mana Wellisa Abdii Qophee gaaffi deebii OBS
waliintasiseen.
7- Aadam haruun: namni nama ani namaa kan jedhuufi
8- Qamar yuusuf: finfinnee yaa finfinnee, kan jedhus kan ha’a
huuba qoonqoo taatee dhuga ol baasuu fii gad liqimsuun
kumaatama dhibe kana abddii qophee gaduma taa’eet
finfinnee yaa finfinnee
madda burqaajennee kan waaqni nuuf kenne
an sirraa fagaachuun hin taane
yaa finfinnee.
Jedhee walosaa waraqaarratti katabe.sirba
qamar magaalaa masalaa, dagalee jiruu kiyyaa, afaan Oromoo
mootii moototaati.
Jedhus isumatu kaaseeta tokko guutuu
qopheesseef garuu yeroo weellistoonni hedduun walaloo
sirbakoo abdiitu nuuf katabe jedhan hin agarruu rakkoon
maaliif laataa deebii barbaada!
9- Ahimad kabiiraa: abdii qophee kaaseeta tokko kenneef
10- Alii Shabboo kaaseeta lama guutuu barresse kenneef.
11- Abdii habiib sirba inni namni carraaqatu dhiira jedhu
kenneef.
12- Ibraahim baadiyyaa kaaseeta afur gutummaatti kenneef.
13- Alii birraafis sirba gammachuun fedhii marare, kan inni
amariffan sirbufii waa malli nu dhibee jenne bitaa mirgaa, yaa
abbaa lafaa badiikee kan jedhufaa isatu barreesse.
14- Fandishee Mul’ataatiifiis walaloo sirbaa hedduu
qopheesseefii jira
15- Hirphaa Gaanfurreefiis walaloo sirbaa barreessefiira.
Ergaan abdii dhabee jiruu lafaarraattii
garaa lafaatan seena ohohoo haya nagaattii
hedduu naan booyiinaa yaa warra firakoo
duraan nan gargaarree nabaasuudhaaf rakkoo…..kanas isatu
barreesse
16- Adinaan Mahammad: michuu baay’een qaba lixa
biiftuutirraakan jedhuu fii burtukaana bilcho, oduu dharaa
dhugoomsitee jarjarteetu na madeessite kan jedhus isatu
barreesse.
17- Amalmaal Abaataa fiis sirbashee afaan oromoo
shaggooyyee walaloo sirbaa barreesse kennefiira
18- Eebbisaa Addunyaaf SIRBA NU …..OROMOODHA HAA
NUBEEKANI. Jedhus walaloo kan barreesse Abdii Qopheeti.
Weellisaa abdii Qophee hireen guutteefii aartiin oromoo ha’a
ammana tarkanfachuu ijaan arguu baatus, waa heddu
gumaacheera.
Yeroo lafarra jirateetti mul’ata har’aa qabaatee
wellistoota durii oromoo fii kan ammaa Hirphaa Gaanfurree,
Daawitee Mokkonniin sittiinaa Abbaa duulaa fi kanneen biros
mana isaa magaala finfinnee baay’ee dhiphoo taate keessattii
dawoo goda hamba seenaa ,aadaa fii aartii oromoo ta’uun
dadhabe nuffe osoo hin jedhiin buufata ta’ee gargaaraa ture.
Abdiin weellistoota akka kinnisa mootii argeeti Ganda inni
keessa jiraataa ture naannoo rufael San qubatan
keessummeessa barsiisaa oromoo gamtoomsaa tokkoomsaa
ture, garee uumuunis koree qindeessanii buusii mataasanii
walitti qabachuun akka socho;an gumaachaa karaa qabsiisaa
ture.
Muktar Usmaan Hayluu kitaabaa Umar Suleeman Aadam
Haruun Ilfinesh Qannoo, Mahammad Sheekaa Haloo Daawwee
faa kaasuu dandeenya.
Yeroo namni akka garaasaa ta’uufii
diduttiis gaduma taa’ee Walaloodhaan namni dhugaadhaa
kami akeekkadhuu naaf himi addaan wallaalee madaalee naan
gallee hundinuu namaa ennaa miilaan deemu hin beeksisuu
unkaasamalee eenyummaa keessaa gubban hin ibsu eenyummaa isaa maaliin adda baafannaa deebii naaf kennaa
jedhe waa’ee namaa kana bitaa mirgalaalee ijibbaannan.
Kuusaan aartii oromoo Abdii Qophee biyyaa deemee biyya
jarman dhaqee xiqquma turee deebi’e garuu yeroo as deebitti
jechoota inni dubbate keessa “an biyya koon yaade oromiyaan
yaade.
Oromiyaan oromoo qofa qabdi an dugda oromootiin
ijoollee kiyyaaf qota ijoolleen koo asheeta nyaatu” jedhee
maatiitti abdii horaa ture ha’a garuu namni ijoollesa bakka jiran
garagalee ilaale hin jiru.
Kana malees sirbasaa haa cilaahuu
jedhu usmaayoof kennee fi kan qamariif kenne Oromiyaan
mootii moototaati jedhee jaalala Oromiiyaaf qabu waloon ibse.
Kana males yeroo jarman dhaqee deebi’e “Oromiyaan
yommuu hayyun keessa deeme biyya doofaa taati biyyuma
keenya teenye obsinee biyya keenya deeffachuu qabna’ jedhee
waarra biyya bahaniilleenittilee abdii horaa ture.
Seena kana hedduusaa haadha manaa weellisaa Abdii qophee
aadde Kimiyaa Mahammaa irraa gaaffiif deebii weellistoorraa
kan waliitti qabamedha. @#Share_Follow Facebook Page Abdi Amin Bakar Like Commenti

