Design a site like this with WordPress.com
Get started

Abiy Ahmed Ali Maalif Hubachu Dadhabne Nuti Ummanni Biyya Keenya

#Isin_Hubanneerra!

Nama kana Oromoon hubachuu hin dandeenye.
Namni kun qabeenya qabeenyaa oliiti.

Yaa Oromoo tiyya ilma kee jabeeffadhu.
Olola warra siyaasaa hin dhaga’in.
Shira ofii xaxanii akka ati nama kana jibbitu gochaa jiru.

Dheebuun barcumaa nama macheessa. ilma kee kana kuffisuuf shirri hin shiramne hin jiru. Keessumattuu ilma kee kana akka ati jibbituuf hanga biyya alaatti harka dheereeffatamee dalagamaa jira.
Shira kana fashaleessii ilma kee cinaa dhaabbadhu adaraa kee!
@Abdi Amin Bakar
……….
Dr. Abiy Ahmed Ali  hanga ammaatti dubbatee waan hin raawwatin akka hin qabne lammiilee Itoophiyaa dhiisiitii lammiileen biyya Gibxii iyyuu dhugaa bahuu eegalaniiru! Marii gaazexeessitootni biyya Gibxii fi ministeeronni olaanoon kaleessa ta’aan irratti xiinxaalaan siyaasaa fi gaazexeessaan miidiyaa guddaa biyyattii tokko akkana yoo jedhu dhagaayame!
.
”Namichi hammuma jedhu gaha. Dandeettii fi beekumsa guddaas qaba. Dhaadannoo fi waci keenya homaa tokko fiduu akka hin dandeenyes sirriitti onnee keenya hubateera. Doorsisaa baane, wacaa baane, miidiyaaleedhaan dachaa hedduu isaan caallee piroppoogaandaan tamsaasaa turre hundumtuu namicha biratti hiika hin qabaanne.

Ibsi wayita adda addaatti Sudaan waliin ta’uun baasaa turres hanga dubbii tokkittii namichi dubbatu bu’aa hin buufne. Mee natti himaa, guyyaa aangootti dhufe irraa eegalee hanga har’aatti dubbatee waan hojiitti hin hiikne qabaa?

-Waggaa darbe bishaan marsaa 1ffaa hin guutin jennee dhorkaa turre, nan guuta maal fiddu jedhee gixxim godhee guutee nu agarsiise.

–Ameriikaan walittin isin araarsa jette, si hin barbaadu jedheen ishiinis keessaa baate.
–Gamtaan Awurooppaa ani walitti isin haa araarsu jedhe, badi asii si hin barbaadu jedhee ari’e jarris ni bahe. Abdi Amin Bakar
–IMF fi WB baankiin addunyaan ani walitti isin haa araarsu jedhee yaada dhiyeesse, badi asii jedhee jaras ni ari’ate.

–TPLF hin rukutin jedhanii dhaabbileen addunyaa itti wawwaatan, waan feetan fidaa malee jedhee humna nuti abdachaa turre daaraa godhee dhabamsiisaa jira.
–Filannoo hin geggeessitu jedhamee Ameriikaan dhorkame, filannoo sunuu karaa nagaa fi tasgabbiin geggeeffamee xumuramuu agarree jirra.

–Hidha Abbaayi marsaa 2ffaa hin guuttu jennee dura dhaabbachaa turre, kunoo guutee addunyaatti agarsiisee jira. Mee namichumti kun nan godha jedhee dubbatee wanti hin goone maaltu jira? Tokko illee hin jiru. Haala duraan adeemaa turreen hin moonu.

Tarsimoo keenya jijjiirree itti adeemuutu nurra jiraata.”,jechuudhaan yaada kenneera!!
#Abbichuu gaafa deggerre sababa qabna turre!!

Follow ,Share Facebook Page Abdi Amin Bakar
Galatoomaa

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: