Design a site like this with WordPress.com
Get started

Jireenyi Qormaata Obsuun Furmaata, Furmaata Argattee Wallaalun Immoo Gowwummaadhaa

➔ Kaayyoo Jireenya Kee Beekuun Ilaalcha Sirrii Akka Ofiif Qabaattu Si Taasisa.
  ➹➹➹

“Dandeettii jaallachuu yoo qabaatte, jalqabaa ofii kee of jaalladhu!” Chaarles Buukowiskii

➔ Ilaalchi ati mataa keef qabdu kaayyoo jireenya kee galmaan ga’uuf baay’ee murteessaadha.

Akkamitti akka of ilaaltu sirreessuun imala gara jireenya mo’ichaatti taasistuuf utubaadha. Sammuu kee waa’ee kee maal amana? Sammuu kee eenyu siin jedha? Hiika siif kennuu kana hoo eessa fide?

➔ Namni kamuu addunyaa mo’ichaa keessa seenuun dura sammuu isaa keessaatti ilaalcha mo’ichaa gonfachuu qaba. Daldalaa yoo taate hojii daldalaatti milkaa’uu kee dura sammuu kee keessatti ilaalcha mo’ataa qabachuu qabda.

Haalota si mudatan hundaa dursitee mo’aachuu qabda. Dursitee sammuu kee keessatti utuu hin mo’atiin haala mo’attuu hin qabdu.

➔ Baay’een keenya ilaalchi sammuun keenya nuuf qabu maddoota dogoggoraa irraa waraabame.

➔ Ijoollummaa keenyatti wantoota maatiin nutti himaa nu guddisan amanna. Sammuu keenya wantoota hawaasni naannoo nutti himan amana. Akka ofii keenya taanee jirrutti utuu hin taane, akka namoonni kaan yeroo adda addaatti nuun jedhanitti of ilaalla.

➔ Eenyummaa sammuun keenya itti nu beeku eenyummaa keenya isa sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu qabna. Eenyummaa kan keenya hin taane fudhanne yoo jiraanne yoomuu kaayyoo jireenya keenyaa raawwachuu hin dandeenyu.


E홚홣홮홪홢홢홖홖 홠홖홣 홠홚홚 홝홞홣 황홖홖홣홚 홛홪홙홝홖황황홚홚 홮홤홤 홟홞홧홖홖황황홚 홮홤홤홢홪홪 홠홖홖홮홮홤홤 홟홞홧홚홚홣홮홖 홠홚홚 홧홖홖홬홬홖환홝홪홪 홝홞홣 홙홖홣홙홚홚홨홨홪! 홠홖홣홖홖홛홪홪, 홚홚홣홮홪홢홢홖홖 홠홚홚 홦홤홛홖 홦홖홗홖홖홙홝홪홪 홟홞홧홖홖홙홝홪!  @Abdi Amin Bakar

➡️ Daandii Milkaa’inaa Si Bira Jiru Dhiistee, Barbaaduuf Hin Joorin.
➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶➶
➣ Atis akka nama biraa hojjettee milkaa’uu ni dandeessa. Innis qabeenya isa si keessatti kuufamee jiru, dandeettii kee beeki. Dandeettii qabdu sanas ofitti amanamummaa dabaali.

Anis akkuma nama kamiyyuu milkaa’uu nan danda’a jedhii of amansiisi. Sammuun kee eenyummaa ati itti himteen akka fakkii kee kaasu hin dagatin.

➣ Anis jabaadhaa, nan danda’a yoo jette, Eeyyee ni dandeessa jedhee, nama jabaa akka taate fakkii kee kaasa. Miiraafi qaama kees hogganee gara dirree hojiitti qajeelchaa.

Yoo akkas goote qaamni alaa galma keerraa si ittisuu hin jiru. Tulluu fedhe baatee, laga meeqas qaxxaamurtee, xaxaa si dura jirtu kukkutte gonfoo moo’ichaa kee harkaan qabatta.
➣ Uumama milkaa’uuf uumamte waan taateef wanti geepha (waancaa) kee si dhabsiisuu hin jiru. Yoo si mataa kee ta’e malee!
 Ati nama addaa waan addaa addunyaaf fidee dhufe ta’uu kee hin dagatin.
@Abdi Amin Bakar

➣ Galmi si eeggatu akka jiru, yoo hin beektu ta’e bari, yoo ni beektaa ta’e immoo haala keessa jirtuufi naannoo kee marse, kufaatii si muudate, sadarkaa barnoota kee hin ilaalin, qabeenyafi fira qabaachuufi dhabuu kee hin ilaalin, galma kee gahuuf waraana Impaayera naannoo kee kana jiksee galma kee si geessisuu qopheeffadhu. Innis nama addaa galma sana seenuuf uumamte ta’uu kee libsuu ijaafillee hin dagatin.

➣ Sammuu akkasitti yaaduufi onnee akkanatti onnatu malee galma ofii gahuun hin yaadamu. !

➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘➘ Of Beeki! Of Beekuun Of Ta’uudha. Ofta’uun Immoo Nama Ta’uudha. Nama Ta’uun Immoo Namaaf Ta’uus Akka Dabalatu Hin Irraanfatin!

✅Mul’anni  dhugoomu, gatii baasuu gaafata!
~
Guyyaa tokko dargaggeessi tokko, namicha beekamaa Girikii Sooqiraaxas jedhamu bira dhaqe! Akkuma beekamu Sooqiraaxas seenaa Girikii keessatti nama beekamaa fi hojiin isaa fiixaan ba’iinsa qabudha.  Dargaggeessichis akkamitti akka Sooqiraaxas fiixaan ba’iinsa argatee fi beekamuu danda’e gaafate.

Sooqiraaxasis dargageessichaan dhoksaa mikaa’inakoo sitti himuu nan danda’a jedheen. Sana booda dargaggeessicha fudhatee naannoo laga ta’eetti geesse!

Lagicha bira wayita ga’initti akkas jedheen. Sooqiraaxas namichaan. “Amma dhoksaa fiixee milkaa’insa koon sitti hima waan ta’eef, sirriitti na dhaggeeffadhu”. Dargaggeessichis, “Tole!” Jedhee dhaggeeffachuutti ka’e.

Sooqiraaxas mataa dargaggeessichaa qabee, bishaan keessa seensise! Humnaan bishaanichuma keessa osoo dargaggeessichi ba’uuf wixxiffatuu daqiiqaa muraasa bishaanichuma keessatti gadi qabee tursiise. Dhuma irratti erga dargaggeessicha gadi-dhiisee booda gaaffii akkas jedhu gaafate. “Amma yeroo morma kee oliin bishaanicha keessa, turte maal hawwaa turte?” Jedhee gaafate. Dargaggeessichis  hafuura guddaa baafachaa, ” humnaa olitti waan ani hawwaa ture yoomumman ba’ee qilleensa fudhadha? Jedheen hawwaa ture!” Jedhee deebiseef!

Sana Sooqiraaxas dhoksaan fiixaan ba’iinsa kootii kanuma ittiin jedhe. “Dargaggeessichi maal jechuudha?” jedhee deebiseef! Sooqiraaxas ammoo, “Akkuma yeroo bishaan keessa turte hawwii guddaan qilleensa hawwaa turte osoo,  fiixaan ba’iinsas hawwitee bira ga’uuf wixxiffattee!” Jedheen

#Walumaa-galatti, gatiin nuti mul’ata keenyaaf baasnu  galma ga’iinsa mul’ata keenyaaf murteessaadha.

Follow Share Facebook Page Abdi Amin Bakar

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: