Design a site like this with WordPress.com
Get started

Dubbi Jabduu

#Dubbi_Jabduu
“Oromoon waan waliin dhabe malee waan irratti wal-dhabe hin qabu!!

“Waggaa 150 oliif yaadaan, qaamaan, gochaan, kaayyoodhaan,..kkf bittinnaa’uun aarsaa hedduu nu kaffalchiisee jira. Aarsaan qisaasama lubbuu, qabeenyaa fi yeroo deebi’uu hin dandeenye manca’eera. Akaakayyuu fi habaabilee keenya dabalatee hanga guyyaa dhaloota har’aatti qabsoon ummata Oromoo karaa garaagaraa deemsifamaa ture galmi isaa bilisummaadha. Haa ta’u malee, bilisummaan ummata keenyarraa akka fagaatee turu kan taasise keessaa inni olaanaan tokkummaa dhabuu akka ta’e ifadha.

Kaleessa qabsoon wareegama hundaa kaffalchiisu waan tureef ummanni keenya karaa karasaatiin tokkummaa otoo hin qabaatiin oromummaaf warraaqaa tureera. Garuu wareegama hedduu kaffalchiiseera; umrii ummanni keenya injifannoo itti argatu dheeresse malee jijjiirama hin fidne.
Ummanni tokkummaa hin qabne biyya ijaaruu hin danda’u. Ijaaramsi inni duraa ijaarama tokkummaati. Uummanni tokkummaa qabu dhageettii, humna, kaayyoo fi galma waliinii qaba. Kanaafi tokkummaan utubaa waan hundaa kan ta’uufi.

Tokko yoo ta’an wal dhageettii jira. Humna waliif ta’uunis akkasuma. Gidduu waliiniittis kaayyoofi galma tokkotu jira. Kanaaf, tokkummaan ummata Oromoo keessatti dhufuu qabu tokkummaa Oromummaati. Kan darberraa barachuudhaan tokkummaa Oromummaa hin diigamne, diinaafis hin saaxilamne uumuun murteessaadha.

Har’a yoo xiqqaate tokkummaa amma dura mul’ataa tureen waliif owwaachuun, waliif abboomamuun, waliif birmachuun eegalame ture, amma garuu murnoota dantaa dhunfaatif jechaa biyya keenya Saama turan Junta waggoota meeqaf ummata keenya gochoota shukkanneessadhan nu mancaasa turee fi amma immoo ta’e jedhani ,biyya diigu barbaadan tokkummaa kanaan dura jiru facaasuuf yaalin isaan hin taasisin hin jiru,garu akka barbaadanitti Milkaa’u didee jira. Abdi Amin Bakar

Garaa garummaa keessoo keenyaa qabannee Oromummaarratti walii yoo galle kan hafan waliin mari’achuun , walis gorfachuun gara sadarkaa oliitti ceesisuu ni dandeenya.”
Kabajamoo I/A/PNO/Adde Caaltuu Saanii!

Follow Facebook @Abdi Amin Bakar

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: