Warreen Jannataa Yeroo Dhimmaman Hunda Halkan Dukkanaa Sujuuduun Rabbii Isaanii Gaafatan.
Dr. Muhammad Al-Ariifiy: Warri Jannataa yeroo balaan isaanirraa ga’ee yaaddoo isaaniitii fidee qomti isaanii rakkatti.
Yookiin lubbuun isaa waan ta’e barbaaddee, dukkana halkanii keessa harka isaa lamaan ol fuudhee kadhata. Akkasumaas Rabbii isaattii zannii tola ykn
bareeffataa.
Mootii afaan tokkoos isa irraattii walhin fakkaane; Kan sagaleen walitti irraa hin laaqamne;Kan kadhaan ittii
baay’achuudhaan nama hin jibbine dura dhaabbatee kadhachaa jiraa jedheen beeka.
Yeroo halkan dukkanaa’ee Rabbiin isaanii balbala araarama isaa banatee warreen jalqaba seenan aayata Rabbii kana dhugoomsan.
“Warri aayatoota keenya dhugoomsu warreen yeroo isaan yaadachiifaman suujuuda bu’anii Rabbii isaanii faarsan; Adabbii Rabbii sodachaa, Jannata isaa kajeelaa, isaa kadhataan.
Akkasumaas warreen wan nuti isaaniif kannine irraa kennatan;.
Lubbuun takkaas waan Rabbiin Jannata keessaatti isiif kurfeesse ykn qopheesse hin dandeessu.
Inni mindaa waan duniyaa irrattii hojjachaa turaniif argatanii”. Suuratu al- sajadah
=Ergamaan Rabbii S.A.W salaata halkaniitii fii watrii ykn qari salaatuuti ajajee akkana jedhe: “Rabbiin tokkicha qindii hin qabne. Wan qindii hin qabne jallaata.
Yaa warreen Qur’aanaa witrii ykn qarii salaataa” [Tirmiziyi].
=Nama leylii saalaatu Rabbiin qananii duniyaa fi aakhiraa walittii isaaf qabaa. Rasuulii Rabbii S.A.W akkana jedhan: ” Salaata halkanii Jabeessaa! Inni aadaa warreen gaggaarii ykn saalihootaatii. Dhaabbannii halkanii rabbiittii nama dhiheessaa.
Yakkaa fii dilii hojjachuu jalaa nama baasa.
Yakka namarraa haqaa Dhukkuba jismii ykn guutummaan guututtii namarraa deemsisa” Tirmiziyii
Dr. Muhammad Al-Ariifiy: Wanni dinqii ykn ajaa’baa salaanni qarii ykn witrii irraa laafaa ibaadaati.
Laafaa ta’u malee namoonnii hedduun ni dhiisan.
Namni tokko osoo maghriba salaatee sunnaa isaa dhiisee; “Maaliif salaatuu dhiifta?” Jannee gaafannee, akkasuma inniis “Sunnaan maghribaa raka’aa meeqa?”
Jedhee nuu gaafatee raka’aa lama janneenii; Inni ammoo “takka jedheen raka’aa tokko salaata” jedhee “Tokko hin ta’uu takka lama salaati! takka ammoo dhiisii!” jannaan.
Salaanni Duhaa, sunnaan fajriitii fi kan ishaa’iitiis akkasuma irraa xiqqaan isaa raka’aa lama.
Salaannii qarii ykn witrii ammoo akkuma walii galaattii irraa caalaa sunnaati.
Irra caalaa taa’uu waliin Rabbal-Aalamiin ilmaan namaa irraattii laaffiise; Raka’aa tokko qofa salatuu nii dandeessa.
Raka’aa tokkoos osoo ta’ee salaati malee hin dhiisiin.
Raka’aan tokkichi yoo (Qul huwa Allaahu Ahad) ittii qaraatee salaatte daqiiqaa lamaa sirraa hin fudhatu.
Eeyyeen raka’aa tokko salaattee Rabbii biratti Warreen leylii salaatan keessaattii galmaa’uu dandeessa.
Guyyaa Qiyaamaa yeroo galmeen tarree maqaalee warreen leylii salataanii fidamu atiis maqaa kee achii keessatti argita.
kan raka’aa tokko malee salaattee hin beekne yoo ittii dabaltee raka’aa sadi ykn shan ykn torba gootee salattee hoo maal sitii fakkaata?
Kanafuu irra caala nama ittii dabalate Rabbiinis itti dabalaaf.
Fajriitii achi butanii salaatuu ulaagaa salaata leylii akka hin ta’in beeki.
Salaata Ishaa’iiti aansitee osoo hin rafne dura salaatuu dandeessa.
Nabiyyiin keenya S.A.W yeroo wanni isaan yaachisu isaan mudattee fi yaanni itti jabbatte hunda gara salaataa ariifatu akkasumas salaataan of boqachiisuu
turan.
Ilmi obboleettiu “Maalik Ibn Diiraar Saalih” kan jedhamu akkana jedhe “Eessumni kiyya Maalik ibn Diinaar yeroo halkan dukkanaa’u kutaa manaa keessa
seenee balbala ofitti cufa.
Hamma subhiin Azaanamutti nuttii gad hin bahu ture. Gaaftokkoo isaa dura baheen kutaa kanaa seenee roga tokkotii dabbe dukkana keessa dhokadhe.
Eessumni kiyyaas sidaajaa ykn afata salaataa fudhatee seenee afaatee gubbaatii bahee miila isaa wal qixxeessee dhaabate.
Yeroo (Allaahu Akbar) jedhee salaata hidhachuuf ka’uu of qabuu dadhabee booyee Rabbii isaa araaramaa kadhatee gara Rabbii isaa citee haalaan kadhatee achi booda Areeda isaa qabatee akkana
jedhe : ” YAA RABBII YEROO WARREEN DURAATII FI WARREEN BOODAATIIS WALIITTI QABDE ARRII MAALIIK IBIDDA IRRAATTI HARAAM GODHII ” irraa
dedeebi’ee kadhachaa booyuu ture.
Sababoota Jannata nama geessan keessa inni tokko Rabbii ol’aaneef salaata fi sujuuda heddummeessuu akka ta’e beeki!. Rabii’aah Ibn Ka’ab irraa akka
odeeffametti R.A akkan jedhe: Ani Rasuula Rabbii S.A.W waliin buluun turee.
Wuduu’a fi dhimma isaanii hunda dhiheesseefiin ture. Rasuulii Rabbii S.A.W akkana naan jedhan : NA KADHU YKN NAA GAAFADHU (Qabeenya irraa waan
barbaaddee nagaafadhuu) isaan jedhan inni garuu Anii Jannata keessattiin waahela ykn hiriyaa keessan ta’uu barbaada jedheen.
Rasuulli Rabbii S.A.W Waan biraa maaliif gaafaachuu dhiifta? jedhan. Isuma kanaan isin gaafadha jedheen. isaanis S.A.W SUJUUDA HEDDUMMEESSUU IRRAATTII NAA GARGAARII NAA jedhaan. sababoota Jannata nama geessan keessa inni tokko sunnaalee salaata dirqamaa boodaati. Rasuulii Rabbii S.A.W akkana jedhan:
https://www.facebook.com/108277194000122/posts/377782293716276/
Nama halkan tokkoo fi guyyaa tokkoo keessa Raka’aa Kudha lama 12 salaate jannata keessatii manni ni jaaramaaf.
Inniis Zuhuri Dura Raka’aa Afur 4 lama ammoo Zuhurii Booda, Maghriba Booda Raka’aa lama 2, Ishaa’ii Boodaas Raka’aa lama , Raka’aan lama 2 ammoo Salaata Subhii ykn fajrii dura walii gala Raka’aa kudha lama 12 Yaa Rabbii Warreen Lelyii Salaatuu Nuu Godhii.
Warreen Leylii Salaatan Wajjiin Nuu Godhii.
Warreen Jannata keessatti manni Jaarameef irraa nu Godhi.
Abdi Amin Bakar
Halkan Gaarii

