#Breaking_News
‘’Bulchinsi Pireezedaanti Joo Baayidan imaammata dogoggoraa Itiyoophiyaarratti gaggeessaa jiru sirreessuu qaba’’- Loowuransi Firiimaan
Bulchinsi Pireezedaanti Joo Baayidan imaammata dogoggoraa Itiyoophiyaarratti gaggeessaa jiru sirreessuun akka irraa eeggamuu xinxalaan dhimmoota diinagdeefi siyaasaa Afriikaa Loowuransi Firiimaan himan.










Imammattoota misooma diinagdee Afriikaarratti waggoota 30 oliif kan qoratan Loowuransi Firiimaan, barreeffama Ameerikaan Afriikaarratti keessuma Itiyoophiyaarratti imaamanni hordofaa jirtu dabaa dhufuu ibsu dhiyyeessaniiru.
Itiyoophiyaan hooggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalatti bara kana qofa filannoo milkii qabeessa gaggeessuufi guutinsa bishaani hidha haroomsaa marsaa 2ffaa milkiin xumuruun hojiiwwan ijoo lama raawwachuus eeraniiru.
Pireezedaanti Joo Baayidan garuu milkiiwwan kanneenif ergaa baga gammaddanii hin dabarsines jedhan.
Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkanis taanan, sirna siyaasaa mataasaani biyyoota biroorratti fe’uuf hojjachaa jirus jedhan Loowuransi Firiimaan.
Imaammata Ameerikaan Afriikaarratti gaggeessitu keessaa carraaqqii Itiyoophiyaan ofiin of bulchuufi hirkattummaa diinagdee jala bahuuf taasistuun gufuuwwan hedduun jiraachuus kaasaniiru.
Walitti bu’insi babal’ate Afriikaanoonni hedduun rakkoof saaxilamuu isaanin dura bulchinsi Joo Baayidan imaammata dogoggoraa Itiyoophiyaarratti hordofaa jiru sirreessuuf itti hin dhiine jechuun yaadasaani xumuraniiru.