Design a site like this with WordPress.com
Get started

Maalin Ibsamaa??

Jaalalli Biyyaa Maaliin Ibsamaa?
::::a:::::::::b:::::::::::d::::::::::::::::::::i:::::a::::::::m::::::::::i::::::::n:::::b:::::a::::::::::k::::::::::a::::::::::::::::::::::r;::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Jaalalli Biyyaa Maaliin Ifa ?

Dhimmi biyyaa waa hundaa oli. Biyya irratti kabajamu. Biyya irratti hojjatanii sooramu. Biyya irraatti baratanii qaroomu! Namni biyya hin qabne homayyuu hin qabu jechuu dha.@Abdi Amin Bakar  Mataa jiru irratti qarree qoru. Biyya jiru irrattis horu. Kanaafuu biyya ofii jaalatuu fi jabeeffatuu feesisa. Jaalalli ammoo jecha miti. Hojii qabatamaa gaafata. Nami dhugaan biyya isaa jaalatu dhimmoota ijoo armaan gadii shanan sirnaafi qajeeltoon raawwata.

1.      Gibira Kanfaluu

Biyyi walabummaa irra dhaabata. Walabummaan ammoo of-danda’uu gaafata. Biyyi of danda’u baasii ofii galii ofii sassaabuun uwwifata. Hirkataa abbaa argetu ergata. Otoo beekuu akka sareen jette huuba waliin nyaata. Dabaaf cubbuu roorriftootatiif harka laata.

Gadadoo hammatee gadaa tokko irraa kaanitti tarkaanfata. Kun gaafa lammiin qixa sirriin galii gibira kanfale dhaabbata. Lammii qaroon gibirri bilisummaa, walabummaa fi ulfina ta’uu hubata!

Biyyaaf galiin dhimma jiraatuufi baduuti. Gibira kanfaluun biyya ijaaruu fi tiksuudhaan tokko jechuu dha. Gibirri walabummaa biyyaati; mindaan miseensota raayyaa ittisaa galii gibiraa irraa kanfalama.

Meeshaan waraanaa guddaa haga xiqqaatti horii gibiraatiin bitama ykn tolfama. Gibirri misooma. Karaan, ibsaan, manni barnootaa fi kkf galii gibiraatiin hojjatama. Gibirri nageenya fi haqa. Yakka ittisuuf, yakka qoratuufi shakkamaa adabsiisanii lafa nageessuuf horiin barbaachisu galii gibiraa irraa kanfalama. Gabaabummatti gibirri bilisummaa, nagaya, walqixxummaa fi misooma.

Akka Itoophiyaatti gibira kanfaluun rakkoo xaxamaa keessa jira. Rakkoo guddaan hubannoo dha. Namni baayyeen gibira hin kanfalu. Garuu ammoo maqaa biyyaatiin dhaadata. Yeroo tokkotti hojii waliif faallaa hojjata. @Abdi Amin Bakar Biyya jaalatuu fi gibira dhoksuun wal-faana hiibboo fakkaata. Rakkoon biraa ammoo ofittummaadha.

Ofittoon gibira maqaa biyyaatiin guure ofii nyaata. Lammii ta’ee biyya ofii hata. @Abdi Amin Bakar Otoo nama biyyaaf lubbuu kennu arguu, galii isaa irraa gibira baasuun haga du’aa itti ulfaata. Kun seerafi hubannoon sirrata.

Gibira kanfaluun kabajaa fi misooma keenyaaf ta’uu hubachuu barbaachisa. Namuu ofii jedhee dirqama ofii haa bahu. Nami biyya isaa jaalatu qixa sirriin gibira kanfalee jaalala isaa yaa ibsatu. Ofittoon ammoo dirqamee gibira haa laatu. Sana dhugoomsuuf lammii martuu waliigalee yaa hojjatu. Namuu gaafa waa bitu nagahee haa gaafatu. Walabbummaa fi misoomi biyyaa akkasiin malee hin taatu.

2.     Shaqaxa Ormaa Lagatuu…

Biyya jaalatuun oomisha biyya ofiitiin boonuu gaafata. Gaafa oomisha biyya keenyaa fayyadamne diinagdeen keenya ni guddata. Rakkoon sharafa alaa fi madaala daldalaas ni hir’ata. Yoo shaqaxa ormaa shamatan ammoo diinagdeen biyyaa huuqqatee jiruun  hammaata. Gabayaan gaafa binnu mi’aayee gaafa gurgurru bushata.Abdi Amin Bakar Kanaaf jecha sabboonaan oomisha biyya ormaa lagatee kan biyya ofiitin dhaadata. Gama kanaan abboota teenyatu nurra wayyata. Jarri waan isaan barbaachisu ofumaa oomishaatu. Wayaa ofiin dhahatanii uffatu. Kophee kaawwatanis ofumaa hodhatu. Abdi Amin Bakar Meeshaalee akka eeboo, halbee, haamtuu, qottoo fi goraadees harkuma ofiitiin tolfatu. Saniif jecha jiruun bara isaanii hin ulfaatu. Dhugaa dubbatuuf “baratuun” keenya waan hiikoo qabu hin fakkaatu!

Duuba nuti ni qaroomne moo ni doofanne? maaliif haga abboota teenyaa hanqanne? Waa cufa alaa fuunee fayyadamna. Shamizii, kootii, kaalsin, paantii fi kophee alaa finnee uffanna. Teessoo, siree, burcuqqoo, halbee, faldhaana, haamtuu fi kkf hunda alaa galchina. Qamadii fi qurxummii alaa galchinee nyaanna.

Booka lagannee wiskii ambaa gatii qaaliin binnee unanna. Kana hundaaf doolaara ofiifuu hin jirre baafna. Akkanaan diinagdee ormaa utubnee keenya kuffisuuf gara lafaa harkifna! Keessattuu “hayyuun” guddoo nama ajaa’ibna! Afaanin “Itoophiyaa teenya” jennee odeessina. Gochaan ammoo dugda diinagdee ishee kunna. Hiibboo biraas ususaan himuu beekna. “Jiruun mi’aayee” jennee komanna!

–        

Eeyyeen! Yeroon isaa amma! Waliigallee haa murteeffannu. Biyya teenya Itoophiyaa dhugaan haa jaalannu. Buufata shaqaxa ormaa ta’uu haa dinnu! Oomisha biyya keenyatiin haa boonnu. Waan ofii dandeenyu hunda ofiin tolfanne haa fayyadamnu. Meeshaa bakka bu’aa hin qabne qofa alaa haa binnu; sanuu bakka buusuuf cimnee yaa hojjannu. Kana goonee diinagdee keenya kufaati fi idaa keessaa haa baafnu. Shaqaxa ambaa haa lagannu! Eessattuu oomisha biyya keenyaa haa filannu!

3.    Seera Kabajuu fi Kabachiisuu

Seerri qajeelfamoota biyyi takka ittiin bultu hammata. Qajeelfamni seeraa ammoo mirgaa fi dirqama lammiileef laata. Seera kabajuun dirqama seerri namarra buusu bahu gaafata.

Lammii sirriin waan seerri hayyame tolchaa waan seeraan dhorgame lagata. Seerri xiqqaa fi guddaa qixa too’ata. Nagaan, bilisummaa fi misoomi gaaddisa olaantummaa seeraa jala qofa jiraata; gaafa olaatummaan seeraa dhibe, bilisummaan hammaatee nagaya, haqa, misoomafi haqa alalchee nyaata.

Olaantummaa seeraaf ammoo lammiilee hundatu qooda gumaata. Namni biyya jaalatu seera kabajuu qofa otoo hin taane kabachiisufis gahee taphata.

Seeraa-alummaan karaa danuu ibsama. Kan irratti xiyyeeffannu ammoo waa lama. Tokko daldala seeraa alaa jedhama. Yeroo baayyee koontiroobaandiin beekama. Koontiroobaandiin karaa afuriin hojjatama. Jalqaba oomisha biyyaatu seera malee bahee alatti gurgurama. Gaafas sharafi gurgurtaa irraa argamu bilaashatti biyya ormaatiin fudhatama.

Lammata ammoo shaqaxa ormaatu otoo hin ashuuramin alaa galfama. Yoos ammoo galii biyyi silaa argatuu maltutu dhabama. Daldalaan seera qabuu fi oomishi biyyi keessaas guddoo hubama. Sadi daddabarsa maallaqaatiin yaamama. As irratti sharafa alaatu seeraa ala dukkanatti gurgurama. Kanaan waa danuutu miidhama. Sharafi alaa xinnoon biyyi qabdu dhoksaan biyya ormaa geeffama.

Galii dhokataa argatuuf shororkeessaan biyya jeequ ykn hattuun biyya saamu tooftaa san fayyadama. Hundaa olitti ammoo madaalli daldalaa jaldhatuun diinagdee gooroon jeeqama.

Afur sochii dallaalaa jala deema. Dallaala harkatti otoo sonni wahiituu hin dabalin gatiin oomishaa dachaa lamaa sadi dabalama. Kana keessatti horiin shamattootaa dabaafi cubbuun nyaatama. Qaala’insi jireenyaa bu’uura diinagdee hin qabnes ni uumama.

Lammaffaan hanna caasaa mootummaa ilaallata. Gama kanaan rakkoo baldhaatu muldhata. Dur namni waa hundaa olitti hannaa fi hattuu balfee lagata.

Amma garuu duudhaan kun waan hundeerraa geeddarame fakkaata. Hattuutu “Gowwaa” jedhee nama harkaa fi yaada qulqulluu qabutti dhaadata. Dubbiin ammoo caasaa mootummaa keessatti hammaata. Silaa aangoon imaanaa dhaloota hardhaa fi boruu namatti laata. Goonni biyya ofii jaalatu rakkoo hardhaa furee rakkoo boruu ittisuuf onnee fi qulqullummaan hojjata. Irra hedduun namaa garuu imaanaa dhalootaa dhiisee faayidaa dhuunfaa fi muranaatti fuulleffata.

Saniif qonnaan bulaa buqqisee lafa isaa gurgurata. Saniif jecha dhugaa fi tajaajilli ummataa yeroo bacaa dhukkubsata. Sun gaafa guddataa deemu sirna biyyi irratti ijaaramte galaafata. Kufaatii sirnaa keessatti ammoo qabaataa fi dhabaatu qixxee rakkata.

Namni haala Yamanii fi Sumaaliyaa akkaan xinxaale, gama kanaan  guddoo barata. Biyya diigamte keessatti qananii dhiisii lubbuun jiraatunuu ni ulfaata.@Abdi Amin Bakar Gabaabumatti hanni aangawootaa dhawaata sirna biyyaa alaanfatee galaafata. Kufaatiin sirnaa ammoo biyya diigee hunda gadadoof laata. Aangawaa sabboonaan biyya oolchuuf ofii rakkata.

Biyya ceesisuun hattuu waraabessa imaanaa biyyaa nyaatu toora qabsiisuu gaafata! Waliigalatti badhaadhinni biyyaa haqaan haqaaf ijaarama. Kanaafuu haqa mirkaneessun dirqama.

Haqi gaafa namuu waan isaaf malu argate dhugooma. Kan seera kabajee waan tolu biyyaaf hojjate ni badhaafama. Kan seera cabsuun imaanaa biyyaa nyaate ykn mirga namaa sarbe ammoo ni gaafatama. Haalli kun olaantummaa seeraa jedhama. Olaantummaa seeraa jalatti mirgi garee fi dhuunfaa kabajama. Seera kabajuu fi kabachiisuun lammii biyya jaalatu cufa irraa eegama.

4.    Wal-gargaaruu

Biyya jechuun lafa duwwaa miti. Ummata laficharra jiraatu hunda hammata. Namni biyya isaa jaalatu qabatamaatti lammii biyyichaa jaalata. Jaalalichi ammoo wal-gargaarsa lammiileetiin muldhata. Lammiin wal-jaalatu gaafa qananii waliin taphatee gaafa rakkoo waliif dhukkubsata. Gadadoo hamaa keessatti ofittummaa keessaa bahee waan xinnoo qabu waliin nyaata. Jabinni biyyaa marartee lammiileen isii waliif qaban irra dhaabbata. Tokkummaan biyyaas kanuma keessaa dhalata. Yeroo lammiileen alaa fi keessatti garaan wal-bira dhaabbatan tokkummaan biyyaa sibiila caalaa jabaata. Biyyi ykn ummati tokkummaa akkasii qabu ammoo gufuu isa mudatu hunda cehee muldhata ofii dhugoomfata.

Eeyyeen! Dubbii sirriitti hubatuu barbaachisa. Biyyi teenya Itoophiyaan madda dhala namaati. Qaroomina duriitinis ni beekamti. Hundaa olitti ammoo bu’uura injifannoo ummata gurraachaa kan ta’e, Adwaan kan isiiti. Otoo seenaa guddaa kana qabduu hardha beela fi gadadoon yaamamti.

Otoo silaa gargaaruu qabduu biyyoota isii booda dhalataniin gargaaramti. Danuutu xinnoo nu gargaaree guddoo nu ergate. Amma ijoolleen Itoophiyaa seenaa kana jijjiiruun guddummaa Itoophiyaa deebisuuf sabbata haadha hiyyeessaa irraa horii funaantee hidha haaromsaa fi misooma teeknolojii eegalte. Gaafa kana argu warri fakkeenya hiyyumaa nu godhataa turee fi jiru nutti mufate.

Gargaarsa namoomaa duraan nuuf kennaa ture nu dhoowwatuuf dhaadate. Waliigaltee liqii fi gargaarsaa duraan seenne addaan kute. Harka nu micciiree deemsa keenya dhaabuuf akaakuu qoqqobbii qopheeffate. Diinnis kanaan hamilee argatee nu gufachiisuuf haga humna isaa tattaafate. Nagaya keenya booressuuf baandaa gurmeessuun qawwee fi mallaqa guddaa itti-laate. Lammiileen Itoophiyaa jiddu-galeessa bahaa irraa miila qullaa akka ari’amaniif dhoksaa fi ifaan hojjate!

Dhugaa dha! Amma diina fagoo, diina dhiyoo fi baandaa hundatu mataa nutti baata. Haalli keessa jirru baayyee ulfaata. Rakkoo hamaa bara dheeraaf kuufametu hardha bifaa fi bocaa adda addaan muldhata. Caasaan mootummaa bututee gubbaa haga jalaa dhukkubsata. Kanaaf rakkoon nageenyaa hammaata. Abidda finxaaleyyiitiin ollaan gubatee, ummati qe’ee ofii irraa baqata.

Dargaggoo baayyeen hojii dhabee guyyuu karaa gubbaa dhaabata. Danqaa uumamaa fi daba nam-tolcheen mi’aan jireenyaa jabaata. Yeroo akkasii harka qalleessi guddoo rakkta. Wal-gargaarun ammoo furmaata. Gaafa wal-gargaarru rakkoo haga gaaraa guddatutu diigamee akka deemsa dalgaa salphata.

Duruu barii jala dukkanni cimata. Ammoo ifaa xiqqootu suutumaan dukkana injifata. Haga feene rakkannus, booda numatu olaantummaa fudhata. Injifatuufi injifannoo bulfatuun garuu wal-gargaarsa lammii hundaa gaaafata. Kanaafuu lammiin  Itoophiyaa kamuu bakka jiru hundatti harka qalleessa ollaa isaa jiru harka qabuutu irra jiraata. Yoo wal-tumsine rakkoon keenya yoosuu hiikkatee qananiin keenya dhiyaata!

5.    Ciniinnatanii hojjatuu

Duruu nutu akka dabaa gowwoome. Biyya kamtu gargaarsa fi liqiin soorome? Ammoo dhiyoo tana himaammanni liqii fi gargaarsaa biyyoota dhihaa akka dansaa saaxilame. Doctor Dambiyaa Mooyyeetu saayinsiin deeggaree dhugaa isaa Afrikaaf hime.

Badhaadhinni sooreyyii dhihaa gadadoo Afrikaa Sahaaraa gadii irratti ijaarame. Himaammati liqii fi gargaarsaa Afrikaanota kanniin maraanmartoo hiyyumaa keessatti ittisuuf tolfame. Afrikaan barayyuu saayinsii irraa fagaattee meeshaa dheedhii gurguruun oomishoota industirii bittee akka nyaattu shirri xaxame. Shirri kun ammoo hattuu fi raatuu qabatuun hojiitti hiikame.@Abdi Amin Bakar Gaafa gantuun himaammata jaraa fudhate faarfamu, sabboonaan Afrikaa, inni badhaadhinaa fi qaroomina Afrikaaf dhaabbate “farra namoomaa” ta’uun abaarame. Dubbii kanatu “misooma Afrikaa jaarraa kanaa” jedhame.

Ammoo biyyi kadhaa fi liqiin badhaadhe hin jiru. Guddinni biyyaa gama hundaan of danda’uu gaafata.

Hoogganaan biyya ofii jaalatu bilisummaan himaammata misoomaa baafata. Tarsiimoo haala biyyaa irratti hundaa’uun baafatu galii biyyaatiin raawwata. Biyyoota cimanii dhiyeenya gadadoo keessaa bahan ammoo fakkeenya fudhata. Waggoota shantama dura ummati Chaayinaa beela fi hiyyumaan guddoo rakkata. Sanuma keessatti mootummaan jaraa liqii fi gargaarsa lagata.

Karoora isaa galii hiyyeessa ofii irraa funaanuu qofaan hojjata. Hardha badhaadhinni Chaayina akka aduu bakka hundaa ifee muldhata. Raajii guddaan kun bakka jiranitti cimiinnatanii hojjatuu irraa dhalata! Namni naamusa hojii lammiilee Chaayinaa ilaale, dhugaa kana tolchee hubata.

“Dhugaa walitti himuun firooma hin kutu!” Mammaaksa Oromooti. Nuti akka dhuunfaa fi akka biyyaattuu guddoo dhiboofne. Waan lafaatiif nutti hin hafne.

Biyya baldhaa, jiidhaa fi gabbataa bonaa ganna misooma fi jireenyaaf mijatu gubbaa qubanne. Garuu jiruu keenya geeddaruu dadhabuun rakkanne. Rakkoolee guguddaa lama qabna. Gama tokkoon hadheeffannee hojii jibbina. Sochoonee hojjatuu mannaa dhaabannee muguu fi teenyee odeessuu jaalanna. Hojii garii tuffannee, garii nuffuun yeroo keenya guddaa qisaasaa xiqqaa qofa fayyadamna. Gama kaanin ammoo galii xinnoo arganne bilaasha balleessina. Wuskii fi biiraa dhuguutti waan ganama fuune galgala of harkaa dhabna.

Qusannoo fi investimantii fagootti dheessina. Akkasiin badhaadhina keessa teenyee gargaarsa diina irraa eeganna. Otoo bishaan keessa dhaabannuu dheebonna. Amma ijoolleen Itoophiyaa seenaa kana geeddaruuf jaalala biyyaa hidhannee xiiqidhaan hojiitti ka’uu qabna

Akki nuuf maluu fi akki jiruu fardaaf lafa. Biyya gubbaa fi keessi badhaadhe keessatti hiyyuma himatuun fafa.

Daandiin badhaadhinatti nu baasu ammoo tokko qofa! Humna, muuxannoo fi beekumsa ida’uun ciniinnatanii hojjatuu! Hundi keenya hirriibaa haa kaanu.

Bakka jirutti hojiif kabajaa fi xiyyeeffannoo haa laannu. Maddi badhaadhina biyyaa carraqqii fi dafqa lammiilee biyyattii ta’uu mamii malee yaa hubannu.

Aadaa fokkataa hojii irratti qabnu ariitiin haa fooyyessinu. Guddaa  hojjatuu fi xinnoo boqotuun yeroof kabaja haa laannu! Akka lammiitti waan biyyi nuuf gootu dura waan biyyaaf goonu haa gaafannu.
  https://www.facebook.com/108277194000122/posts/361427728685066/
Beekumsaa fi humna keenya tolaan biyyaaf haa laannu. Waan itti bobbaane hunda ariitii, qulqullinaa fi quuqamaan haa raawwannu. Qonnaan bareechinee haa qonnu. Barannaan akka dansaa haa barannu. Waraannanis akka dansaa haa adoochinu. Hunduu ciniinnannee yaa hojjannu. Hojiidhaan jaalala biyyaaf  qabnu haa garsiifnu!

Gamtaan Taanea Paartii Badhaadhina ni Mirkaneessina! Daandiin Keenya Ida’amuu, Galmii keenya Badhaadhina!
Follow, Like Share Commenti Facebook: Abdi Amin Bakar

Dr.Abiy Ahmed Ali

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: