Design a site like this with WordPress.com
Get started

Oduu Ammee

#BREAKING_NEWS..

Mootumaan Naannoo Oromiyaa caasaa hooggansa naannoo hanga gandaatti jiru reform gochuuf qophii xumure..

Rakkoo guddaan Oromiyaa tasgabbiii dhorkee waggoottan hedduf Uummata fi Mootummaa walitti buusaa ture, caasaa hoogansaa kaleessa Biyya saamaa fi  saamsisaa turee fi Abbootttii qabeenyaa TPLF waliin Oromiyaa saamaa turedha.

Pirisdenti MNO Kabajamoo Shimallis Abdiisaa

Gareen kun ammas caasaa Mootummaa keessa taa’anii, Uummata dararuun, Mootummaa fi Uummata walitti buusaa jiru.

Kaayyoon isaanii, Uummanni Mootummaa amma jiru kana akka hin ammanee fi shakku gochuun fincili ka’ee biyyattii tasgabbii dharkuudha.

Biyyattiin tasgabbii erga dhorkamee ammoo, Yakkoota fi saamicha kana dura taasisaa turaniif itti gaafatamummaa jalaa bahuufidha.

Hoggansa uffata ofii jijjirrachu malee ,sammuu Ummata keenya  jijjiree hin beekne hunda Haaromsa kanan qulqulleessa deemun barbachiisadhaa. Abdi Amin Bakar

Mootummaan Naannoo Oromiyaas shira kana gadi fageenyaan xiinxaluun, partii amma haaraa ijaarame waliin  hattootta kalessa Biyya saamanii ammas maqaa jijjiramaan dhokkatanii uummta dararaa jiran irratti tarkaanfii irra deebii hin qabne fudhatee, humna haraa Darggaggoota beekumsaa fi dandeettii qabaniin bakka buusuuf hiccittiin hojjechaa ture, amma hojii irra oolchuuf jiru.

Nuttis gama keenyaan, Mootummaan kun gaaffii ummataa haqaan deebisuu yoo barbaade, akkasumasa biyyattiin akka tasgabooftu yoo barbaade, dirqama caasaa isaa gara gadii, Aanaa fi Ganda irra jiran to’achuu qaba.@Abdi Amin Bakar

Abboottii qabeenyaa Qabeenya ummataan durooman seeratti dhiheessuunnis dirqama.Kun immoo kan ta’u, dargaggoota  beekumsuu fi dandeettii qaban gara hooggansaa fi hirmaannaa diinagdeetti fiduudhaan qofa.Abdi Amin Bakar

Yoo kana goottan, rakkoo amma akka biyyattiittis ta’ee akka Oromiyaatti ummamaa jiruuf furmaata filannoo hin qabne ta’a.

Veva #Shimee Seenaa bara baraan yaadatamu hojjechuun akkanatti.

#Share gochuun yaada kana deggarsaan dhugoomsaa!

https://www.facebook.com/108277194000122/posts/360173858810453/

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: