Dhiphina Sammuu

Dhiphina Sammuu(Depression)

Koomputarri tokko koompitara kan isa jechisiisu ykn wanta hojjetameef hojjechuu kan danda’u, wanti lama yoo isaaf guute qofa. Isaanis, qaama isaa isa ijaan argamu(hardware) fi moosaajii(software) qaama kana keessa taa’ee isa sochoosudha.

Ijaarsa kana lamaaniin otuma hojjetuu garuu yeroo tokko tokko dhiibbaan alaa sammuu koompitara kanaa seenuun yeroo itti hojii isaa gufachiisu qaba. Itti deebina…

Jecha ‘Depression’ jedhuuf irra jireessaan hiika ‘hafuura abdii kutannaafi gaddaa’ jedhutu kenname. Sababoota adda addaatiin namni abdii yeroo kutatu, jireenyi isaa gaddaan liqimfama. Gaddi yeroo nama irra turudha egaa dhiphina sammuu kan fidu.

Dhiphinni dheeraan kun gara of-ajjeesuutti kan nama geessu dhukkuba akkaan gadheedha. Akka hiika Afaan keenyaatti jecha ‘depression’ jedhu kana ‘dhiphina’, ‘dhiphina sammuu’ jechuun itti fayyadamna.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa(WHO) akka jedhutti, namoonni miiliyoona dhibba sadii ol(+300Million) ta’an dhukkuba dhiphina sammuu kanaan miidhamaniiru. Waggaa waggaatti akki namoota kuma dhibba saddettii(800,000) sababa dhiphina sammuutiin dararamaniif cinqii kanarra jechuun of ajjeesu.

Baay’ee kan nama aarsu, rakkoo dargaggoota umrii 15 hamma 29 keessa jiran fixaa kan jiru keessaa sadarkaa lammaffaa qabatee kan jiru sababa dhiphina sammuutiin miiidhamuun of ajjeesuudha(Suicide).

Sababni dhiphina sammuu fidu kun maali? Ogeessonni baay’een maddi dhukkuba kanaa kan hin beekamne ta’us dhukkuba haalaan guddaadha jedhu. Itti aansuun madda dhukkuba kanaaf sababa kan jedhan:- hojii dhabdummaa, aboo nama kan biraa jala miidhamaa jiraachuu, kophummaa, Iddoo hin mijanne keessa yeroo dheeraaf fedha malee hojjechaa turuu fa’a jechuun lafa kaa’u.

Seenaan maatii, jireenya ofiitti gammaduu(amanuu) dhabuu, rakkoo dhukkubaatiin jijjiirama qaama irratti dhufu, qorichootaafi dhugaatii nama miidhan fayyadamuunfaas sababoota adeemsa keessa dhiphina sammuu fidan ta’uu ibsu.

Gabaabumatti sababni inni guddaan tokko ‘wanta barbaadan dhabuudha’ yoon jedhe yaada ogeessotaa kana walitti fiduuf na hin sobsiisu.

Waan fedhan dhabuun yaaddoo, yaada baay’isanii yaadda’uun dhiphinatti nama galcha, darbees du’atti nama oofa erga ta’ee, Rabbi guddan nu uumee waa’ee yaaddoo kanaa maal jedha? “Isin keessaa namni tokko hammam yaadda’u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa kan dabalachuu danda’u jiraaree? Egaa waan xinnoo akkasii iyyuu godhachuu erga hin dandeenyee, isa kaaniif maalif yaaddoftu ree?

Akka dubbii kanaatti amma namoonni +300Million rakkoo kanaan miidhaman kun sirriidha jennaa? Gonkumaa! Dogoggora ofii isaaniitiin of miidhani malee. Odeeffannoo koompitara namaa keessa jiru namoonni biroon hatuu yeroo barbaadan sagantaa ‘virus’ jedhamu, kan moosaajii koomputara nama sanii cabsee seenu hojjechuun gara koomputara isaatti ergu. Sana booda sammuun koompitara nama sanaa waan miidhamuuf akka ta’utti waan fedhe hojjechuu dhaba.

Seexanni yeroo nu miidhuu barbaadu dursa gara sammuu keenyaatti ‘yaada’ erga. Yaada nutti dhufe kana madaaluu dhiisnee ‘dhugumayyuu’ jechuun iddoo itti laannee kan waa’ee waan sanaa alala guurru yoo ta’e, vaayirasiin seexanaa dur sammuu nu lixe jechuudha.

Koompitarri vaayirasiin seene hamma ‘anti-virus’ argatutti hojiitti hin deebi’u. “Daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! … Egaa Waaqni biqiltuu har’a bakkeetti argamee, bor ibiddatti nam’utti akkana bareechee itti uffisa erga ta’ee, isinitti immoo hammam caalchisee haa uffisu ree? Isin warra amantiin itti hir’atedha malee.

Isinoo, yaada keessan waan nyaattaniif waan dhugdan barbaaduutti hin hidhinaa! Yaaddoodhaanis hin dhiphatinaa! … soora kana argachuun akka isin barbaachisu abbaan keessan kan isin Uumee Rabbii guddan beeka.”

Yeroo nuyi qaamuma foonii keenya qofaan jireenya mo’uuf jala lixnee ol isa dhiibnu, ‘hardware’n koompitaraa ‘software’ wajjin malee socho’uu akkuma hin dandeenye, hafuura Waaqayyoo malee milkaa’uu hin dandeenyu, yoo ofiin itti adeemne dandeettiin keenya murtaa’aa waan ta’eef milkooma dhabuu irraa kan ka’e dhiphina sammuu keessa galla jechuudha.  Gooftaan ‘Hin yaadda’inaa’ jedheera! Dubbii Waaqayyoo irra dhaabachuun isa sammuu nu lixe of keessaa baasuun of qulleessuu qabna.

Qorree of haa ilaallu, ammaa kaasnee karaa keenya haa geeddarru! Hafuurri Rabbii guddaa sagalee kanaa wajjin jira, yaaddoon keenya hunduu deebiidhaan gammachuutti in jijjiirama,

Published by abdiaminbakar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

Create your website with WordPress.com
Get started
%d bloggers like this: