#Jabaa_keenya_Bira_Haa_Dhaabbannu !
Gateettiin keenya bilisummaa amma
argame baachuu dadhabuu hin qabu” Kabajamoo Jalle #Abbaa_Duulaa_Gammadaa.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif imaammata biyya alaa dantaa fi birmadummaa biyyakoo miidhu hin fudhadhu jedhee mootummoota America dura dhaabbate Dr Abiyyi qofaadha.




Gargaarsa keessaniif jedhee imaammata ergamtummaan biyya koo jiraachisu,kan akka feetanitti dhimma keenya keessa seentanii akka borcitan eyyamuurra morma kiyyan kenna jedhee kutannoodhaan namni oftuultota lixaa(America) ofirraa qolate ilma Oromoo Dr Abiyyi qofaadh.
Kanaan Oromoon hunduu boonuu qaba.
Tarii dantaa siyaasaa dhuunfaa keenyaaf jennee har’a dhugaa kana dhoksuu dandeenya ta’a.
Boru garuu seenaa irraa haquu hin dandeenyu.
Hedduun keenya iccitii warri dhihaa mootummaa Dr Abiyyi irratti dhaadatanii fi dhimma Itoophiyaa irratti odeeffannoo dharaa balballoomsaa jiran nuuf galuu dhiisuun,akka nuti baandota juntaa cina hiriirree Dr Abiyyitti duullu godheera ta’a.
============================
#Mootummaan biyya bulchu tokko dirqama isatti kenname ni qaba. Kanaaf dirqama itti kenname bahuudhaafis ajajafi kadhaa qaama biraa hin barbaadu. Sababiin isaan waan hojjechuu qabu waan beekuufidha.
Taateewwan yeroo dhiyoo qofa yoo ilaalle mootummaan tokko waan isarraa eegamu mitii daangaayyuu darbee dararaa lammii isaarratti raawwataa akka ture yaadachuun ni danda’ama. Qaamaa fi sammuudhaan kan itti miidhame hedduus sirnuma kana keessa arginee jirra.
Sirna kana dura ture yoo duuba deebinee ilaalle kanuma kana fakkaatu seenaan nutti hima.
Kanarraa kaanee yoo ilaalle gochaawwan kaleessa saba kamirrattuu raawwatamaa turan kan abaaru malee kan jajuu fi akka inni deebi’uuf hawwii kan qabu jira hin fakkaatu.
Erga gochaawwan kaleessaa kunneen balaaleffanna ta’ee ifa har’a mirga keenya nuuf kabachiiseefi ifa har’aa kana nu argisiise kunuunfannee qabachuuf maaltu nu dhorke? Bu’aa bahii qabsoo waggoottan dheeraa booda injifannoo argannetti fayyadamuu maaltu nudhorke? Gateettiin keenya kaleessa gabrummaa baate har’a maaliif bilisummaa dadhabe? Kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.
Qabsoon ummata Oromoo jaarraa tokkoo oliif deemsifamaa ture ifa har’aa arguudha. Aangoo akka biyyaatti argachuu malu argachuudha. Bilisummaa sabummaa gonfachuudha.
Kun hunduu ammoo har’a milkaa’ee jira. Maarree maaliif har’as akkuma kaleessaa gabrummaatti of deebisuuf yaalla. Diinni keenya unuun ala jiruyyuu kumaa kitila maaliif walitti diina taana?
Kun hunduu tilmaama ormi kaleessa ummata keenyarratti qabu dhugoomsa. Otoo nuti fedhii garaagaraatiin oliifi gadi wal harkifnuu waan waliinis ta’e waliif hojjennu otoo hin jiraatiin yeroon darba. Diinni keenya jaarraawwaniif nu gidduu ture har’a of gidduutii baasne deebi’ee seenuuf karaa argata.@Abdi Amin Bakar
Falli jiru wal dhageettii uumuudha.
Wal gorfannaadhaan wal deebisuudha. Tokkummaa cimaa uumuudha. Kanaan ala furmaanni biraan hin jiraatu. Kana gochuudhaaf ammoo qaamoleen buleeyyiin hojii guddaa hojjechuu qabu.
Kanaaf, rakkoo amma naannoo keenya keessatti mudataa jiru callisanii keessummaa ta’anii ilaaluun gaarii hin ta’u. Qaamonni biroonis waldhageettiifi wal kabajaaf iddoo walii kennuun gaarii ta’a.
Kana keessatti qaamni ummata Oromootiif qabassa’u hunduu oromummaa karaa giddu galeessa godhateen qabsoo karaa nagaa gaggeessuudhaaf wal shakkiidhaa fi wal gaareffannaa keessaa bahuun daandii dheeraa booda injifannoo argame kana itti fufsiisuudhaaf hojjechuutu irra jiraata.
Kanaaf, gara laafummaan mootummaa obsaan dubbii ilaaluudha. Tarkaanfiifi adabbii keessa miidhama jira. Miidhama keessatti ammoo kan miidhamu ummata bal’aadha. Abdi Amin Bakar
Obsi mootummaas kanarraa madda. Jaalalliifi wal dandeettii nuuf mala; miidhaan kan darbeyyuu keessaa hin bane ilaalcha jedhu qaba. Kanatti beeknee itti gargaaramuun keenya ta’a malee obsa fixannaan mootummaan waan hunda sirreessuu akka danda’uu fi gahumsa akka qabu hubachuun barbaachisaa ta’a.
Jabaa keenya bira haa dhaabbannu !
Mootummaan Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif imaammata biyya alaa dantaa fi birmadummaa biyyakoo miidhu hin fudhadhu jedhee mootummoota America dura dhaabbate Dr Abiyyi qofaadha.
Gargaarsa keessaniif jedhee imaammata ergamtummaan biyya koo jiraachisu,kan akka feetanitti dhimma keenya keessa seentanii akka borcitan eyyamuurra morma kiyyan kenna jedhee kutannoodhaan namni oftuultota lixaa(America) ofirraa qolate ilma Oromoo Dr Abiyyi qofaadh.Abdi Amin Bakar
Kanaan Oromoon hunduu boonuu qaba.
Tarii dantaa siyaasaa dhuunfaa keenyaaf jennee har’a dhugaa kana dhoksuu dandeenya ta’a.
Boru garuu seenaa irraa haquu hin dandeenyu.
Hedduun keenya iccitii warri dhihaa mootummaa Dr Abiyyi irratti dhaadatanii fi dhimma Itoophiyaa irratti odeeffannoo dharaa balballoomsaa jiran nuuf galuu dhiisuun,akka nuti baandota juntaa cina hiriirree Dr Abiyyitti duullu godheera ta’a.Abdi Amin Bakar
Kanneen utuu beekanii akka waan inni dippiloomaasii dadhabaa qabuutti diina wajjin ololaa turanis hedduudha.
Dhugaan jiru garuu akka mootummoota darbanii doolaaraan na gowwoomsuun akka ashaangulliitii na ergachuu hin dandeessan, imaammata ergamtummaa keessan hin fudhadhu jedhee waan dura dhaabbateef akka ta’e amma ragaa hedduun bahaa jira.
Kana ammoo seenaan guyyaa tokko waan nuti hin beekne hedduu itti dabalee ifoomsuuf jira. Hangasitti ilma keenya cina hiriirra!!
Qabsoon Moo’icha hin Qabne Qabsoo miti, Yoo hin moonee hin qabsawina,:Dr.Abiyyi Ahmed.