#Hubadh..!
Bitaan yoo sitti Ulfaate Mirgaan karaa baafadhu, Gubbaan yoo siif mijjatuu baate Jalaan Firraa bani.
Addunyaan Irra jiraannu tun filannoon tan guutamteedha. Filannoolee baay’ee kana keessaa tan siin wal gittu akka hin dhabamne beeki.
Filadhu gaafa siif milkaawuu dhabe karaa jijjiirii filadhu. Hamma kan kee argattutti filachuu dhaabuu hin qabdu.

Kan namoota si Cinaa jiran ilaaltee hawwuu dandeessa.
Garuu maaliif akkas taate akkuma namni bifaa fi ilaachaan wal dhabutti kennaan isaaniif kennamus wal dhaba.
“”””””””,””””””””””””””,,,,,,,”””””””””””””””””””””””””””,,,”””””,,”””
Yeroo hedduu kan jireenya keenya jijjiiru humna alaa dhufu osoo hin taane humna sammuun keenya maddisiisudha;
Yaada namni biroo nuuf kennu irra yaada sammuun keenya burqisiisutu nu hooggana! kanaafuu waan gaarii gochuuf waan gaarii yaaduu qabna;
Akka saayinsiin jedhutti namni tokko jiraachuuf waantonni akka bu’uuraatti barbaachisan nyaata, uffataa fi mana jireenyaati jedhee lafa kaa’a; garuu jiraachuuf kun gahaa miti jiraachuuf Gammachuu qabaachuunis barbaachisaadha; namni gammachuu hin qabne, namni kolfi isaa harkaa bade jiraachuun hedduu itti ulfaata; du’uu filata (kana kan arge hubachuu danda’a).
Marree gammachuu kana kan nuuf kennu qaama biraa osoo hin taane sammuudhuma keenya. https://www.facebook.com/108277194000122/posts/358338455660660/
#JIREENYA_GAMMACHUU QABU JIRAACHUUF:-
☢️Nama ta’uu kee yeroo hunda yaadadhu.
☢️Namoota Kamiinu qixa akka taate of amansiisi (namni eenyummaa isaan wal qixa; doktorii, pirofeserii, barsiisaa… waan fedhe haa ta’u kunneen eenyummaa isaa osoo hin taane maalummaa isaati. Namni kan madaalamu ammoo maalummaa isaan osoo hin taane eenyummaa isaani kanaafu ati Nama dha Amani).
☢️Akka duutus hin dagatiin.
☢️namaaf ilaalcha gaarii qabaadhu.
☢️nama gargaari (bay z way….gaafa nama tokko gargaarru isa gargaarame caalaa kan gammadu isa gargaaredha).
☢️Namoota si miidhaniif Dhiifama godhi (kun gammachuu dhokataa danuu qaba).
Na amani Warreeen armaan olii kana yoo raawwatte salphumatti nama gammachuu qabu taata.
»»»»»»»»»»»»»»««««««««««««««««««
#WANTI_HUNDINUU_NI_DARBA.
#JIREENYI_GARUU #Akka_Abbaan_Godhe_Tahee ITTI FUFA!
Baay’een keenya Jiruf jireenya (Bultii) fuulduratti jiraachuuf qabnu taatee har’aatiin madaallee haamileen nu cabuu danda’a.
Yeroo tokko tokko immoo Kabaja Maatii keenyafi Akkasumas Yoonin Jireenya kiyyatti deebi’e Ormi maan nanjedha jenne osoo hamii orma ofirra sodannuu Dhuma irratti, Ormii nama Jireenya isaatu hin beekne jedhee maqaa meeqa nuf moggaasuf fiiga jiraachu danda’aa.
▷ Har’i yoo dukkanaa’e boru dukkana miti.
▷ Har’a yoo miidhamne borus akkasitti itti hin fufu.
▷ Har’a wanti dhaga’amu kan jibbisiisuu fi dhageettidhaaf tolu ta’uu yoo baate bara baraan akkas miti!
“Yeroo hundumaa naaf haa mijatu” yoo jenne addunyaan kuni waan nama gaddisiisus of keessaa qabdi!
WANTI HUNDINUU NI DARBA! Sa’aatii qabdutti jireenya sirraa barbaachisu jiraadhu! Miidhama kee irraanfadhu! Abdii kutannaa keessaa bahi! Taatee hamaadha jettu gara bu’a qabeessummaatti jijjiirii bira darbi!
“Namni ogeessi rakkina kudhan karaa tokkon furu otu hin ta’in rakkina tokko karaa kudhan nama furuu danda’u.”
—Mihratuu Shaanqoo
Akkaataa jireenya kee itti qabattu guyyuu karoorsi! Namni ogummaan jiraatu, rakkina isatti dhufu moo’achuuf humna qabu hunda fayyadama.
Galatoomaa!