“퐃퐡퐚퐦퐬퐚 퐌퐨퐨퐭퐮퐦퐦퐚퐚 퐄퐭퐡퐢퐨퐩퐢퐚퐭퐢퐟;
퐘퐞퐫퐨퐨 퐃퐢퐧퐧퐢 퐤퐞퐞 퐋퐨퐥퐚퐟 퐐퐨퐩퐡퐚퐰퐞퐞퐭퐭퐢, 퐡퐢퐧 퐥퐨퐥퐢퐧 퐣퐞퐝퐡퐮 퐦퐢퐭퐢퐫퐞”퐎퐫퐨퐦퐨퐧퐧퐢”
Mootummaan
of Eegannoo Cimsi!
Ummanni Of Qopheessi!!
Amma waan biyyaa malee waan Tigraay haa dhiifnu. Ta biyyaa keessatti Tigraay daaraan haa tuqannu. Asirratti waan tokko dhugaa ofitti haa himnu. Bulchiinsi Amerikaan kan ammaa diina Itoophiyaa isa angafaa akka tahe jala murree haa hubannu.



Shira Juntaa, Masrii(Egypt) fi Suudaan duuba qindeesummaan Amerikaa akka jiru shakkii malee haa barru. Gamtaan Awroppaas akkasuma tahuu sirritti haa qabannu. Eega akkana tahe fala irratti haa xiyyeefannu.
1.Birmadummaa keenyaaf Wareegama barbaachisu hunda kafaluuf yeroo kam caalaa qophii haa taanu.
2.Xiyyeefannoon ol’aanaa fi humna qabnu hundaan daangaa suudaan irratti humna waraanaa keenya sirritti haa cimsinu.
3.Naannoo Beenishaangul-Gumuuz weeyraruun galma ijoo Egypt(Masrii) fi Suudaan tahuu shakkii malee haa amannu.
4.Juntaan Egypt fi Suudaan wajjiin qindoomee lola nurratti banuuf qophiirra akka jiru sirritti haa beeknu.
5.Amma booda dubbiin Walqaayti dubbii Naannoo Amaaraa osoo hin taane dhimma birmadummaa Itoophiyaa tahuu jala murree haa qalbifannu!
6.Mootummaan of dagannaa takkaan malee humna guutuun daangaa Suudaan irratti osoo Ija hin libsanne akka dhaabbatu waraana haa ajaju.
7.Dhaabbilee Gargaarsa Adunyaa hunda ija diimtuun haa hordofu. Warra rakkoo qabu biyyaa haa yaasu.
8.Mootummaan Karaa hundaan waraana cimsuuf waan qabnu mara haa fayyadamu!
Birmadummaa yookaan Du’a jannee xiiqiin haa kaanu!
By:M/Djamal Ahmed usso