#Gadaan_Gadaa
Dhugaati Malee Kan Cubbuun Wal Cabsinuu Miti!!
Hoggonaa Biyyaa Hordofuun waanuma jiru. Haasawa isaaniis qeequun baramaadha.
Qeeqaa fi Xiinxalli siyaasaa galma qabaachu qaba. Ykn immoo hamii fi hamataa taate tahee hafa.
Qabsoon Boqonnaa itti aanuu Tooftaa waaytawaa haala yeroo wajjiin deemu barbaada.
Baraa fi haalaa wajjiin sochoโuu dandahuun dirqama. Kana tahuu baannaan gatiin kafallu ulfaataa taha.
Qabsoon Tooftaa Hedduu qaba.Tooftaan Ammoo Gaariis Yaras qaba, Kana Hubachuun Gaariidha.Tooftaan Haala mataa isa qaba. Tooftaan kaleessa Arratti Hojjachuu Dhabuu Dandaโa,kanaaf Tooftaa Jijjirama. Akkuma Guyyaan Jijjirama Deemu Toftaan Qabsooss Jijjiramu Dandaโa,kanaatti Burjaajiin Hin Barbaachisu.
Mo’aattooni Yeroo Hunda Nagaa Lallabuu.Nagaa Lallabuun Moo’uuf Malee moohamuuf miti.
ํaroora Qabna,kanaaf waan Hojjanne Beeyna, waan Hojjannuufis Caalchiffnee Beeyna kana Saโati miti, Sakondiif Hin Dagannu.

ํํํงํํํํฎ ํํํํํํง ํํํฅ ํํจํคํคํํ ํํํ ํํกํํํํํงํงํฎํฎ
…
“ํํํํง ํํญํข ํํจํฃํฃํํํกํฎํฎ ํํํงํํํํฌํฌํฎ ํํํง ํํํํคํฎ ํํฅํฅํํ ํํํ ํํฌํจํจ ํํขํง ํํํํงํํ ํํข ํํํญํํ ํํํํญํขํข!
ํดํํํํ ํฉํํํํ ํฒํํํ ํฒํํ ํฏํํํํ ํธํํํํํ ํฐํํํํ ํํํํ ํํํํํ ํํํ ํญํข.
ํํญํญํข ํํขํง ํํํํขํงํํ
Gaafa ati hojii tokko eegaltu, namoonni si deeggaran namoota qubaan lakkaa’aman ta’uu danda’u. Inumaayyuu namni tokkolleen waan ati hojjettu kana deeggaruu dhiisuu danda’a. Kana bira darbee namoonni kumaan lakkaa’aman, “Karaan ati irra jirtu sirrii miti, sin fayyadu!” Jechuu danda’u.
Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yokaan dhabamuu danda’a. “Waanti kun hin fayyadu, ni ulfaata, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa’u!” Jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa,ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qaban.
Hayyoonni Og-barruu Oromoo yoo waa’ee namoonni nama tuffachuu irratti haasa’an akkas jechuun dubbatan, “Gaafa namoonni akka ati waa hojjechuu hin dandeenye sitti himani, bira kutii darbi. Sababni isaa waan ofii isaanii hojjechuu hin dandeenyeen si guutaa jiru waan ta’eef!” Jedha. Ammoo dhugaa jirtudha dubbiin kun!
Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif, waan isaaniif hin danda’amneef, atilleen waan hin dandeenye itti fakkaata. Lafa kanarratti waan ofii kee yaade gaarii fi qajeelaa taanaan namni “ni dandeessaa fi hin dandeessu” jedheef osoo waan ofiif “nan danda’a” jette hojjedhu.
Waa’ee keef ragaan si caalu hin jiru. Galma ga’iinsa keetiif, murteessaan murtee keeti malee waca namoota cinaa keetii wacanii miti.
Gaafa bu’aa ba’ii hedduu keessa darbinu wantootaa fi haalota baay’ee ulfaatoo keessa darbuun lafa garaan kee yaade geesse warri si faarsuu fi harka sii dha’u warra kaleessa ”hin dandeessu” sin jedhaniidha.
Waanti akka dhamaatii guddaaf bu’aa ba’ii hedduu booda firii dhamaatii ofii dhamdhamuu mi’aawuu hin jiru. “Kan itti dafqanii nyaatanii, uggum yaa mi’aa isaa!” Jedha Waloo Zalaalam Abarraa. Walumaagalatti, daandii bal’aa namni siif bocce irra deemuurra, daandii jajallaa ati ofii keetii bocatterra deemuutu gammachuu siif laata.
Jabadhuu Abbichuu