Design a site like this with WordPress.com
Get started

Taye Dendea Aredo

“Qeerroon kaleessa dhagaan; har’a rasaasaan juuntaa harcaasaa jira” -Obbo Taayyee Danda’aa.

TPLF irree qeerroofi qarree Oromootiin erga harca’ee booda dhiifamaan bira darbuun biyya ijaaruuf yaalii taasifamu caalaa biyya diiguu ooltee bulteesaa godhachuu Dubbii Himaan Dhimmoota Kominikeeshinii Paartii  Badhaadhinaa Damee Oromiyaa ibsan.

Dubbii himichi Obbo Taayyee Danda’aa akka Gaazexaa Bariisaatti himanitti, humni addaa Oromiyaa Juuntaarratti bobba’e qeerroo kaleessa dhagaadhaan aangoorraa isaan buuseedha.

Kan fardaan barbaadan lafoo argatu kan jedhan Obbo Taayyeen, humni kaleessa miseensota Juuntichaa harcaase har’as tarkaanfii sirreessaa fudhachuuf bobbahuu kaasaniiru.

Akkuma bofti mataa dhahamuu baannaan biyyoo arraabdee kaati jedhamu murni Juuntaa TPLF erga aangoorraa ari’amees hannaafi saamicha amaleeffate hawwuun abjuu aangootti deebi’uutiin cichee wixxifataa jira jedhan.

Juuntichi nagaa buusee lammiilee hunda faana jiraachuu osoo danda’uu humnaan aangootti deebi’uuf yaalii taasisaa waan jiruuf adeemsichi ammoo yakka waan ta’eef, ilmaan sirnicha dhiigasaaniin fidan obsa waan hinqabneef tarkaanfii sirreessaa fudhachuuf garasitti imalaniiru jedhan.

Gocha biyya goolu juuntichi aggaame kana fashaleessuuf naannoleen humna addaasaanii kaleessa isumaan ajjeefamaa ture  qaranii har’a hidhannoon hiriirsuusaaniis Obbo Taayyeen ibsaniiru.

Warraaqsichi biyya badiirraa baraaruudha kan jedhan dubbii himichi, injifannoon galmaa’u kamuu bu’aa dhiiga ilmaan sabaafi sablammoota waraanicharratti hirmaatanii ta’uus beeksisaniiru.

Seenaa darbe ilaalchisuun seena jallisuun mul’atu kun har’as dabalmuu hindandahuu laata gaaffii jedhuuf  deebii laataniin hunduu akka hirmaannasaatti seenaan dhugaa barraahuufii akka qabu ibsaniiru.

Akkuma “Kan ajjeesu ana kan jeekkaruu sihi” jedhamu san miirri injifannoofi seenaa walsaamuu taasifamu kamuu sirrii akka hintaanes eeruun, hamma kaayyoon waraanichaa biyya balaarraa ittisuu ta’etti seenaa dhugaan katabamee taa’uu akka qabu ibsaniiru.

Kan darbe dhiifamaan akka cehamu jedhamee bira darbamuuf yaalamus, murnichi ammas nagaa caalaa waraana labsuusaatiin farra nageenyaa kana dhabamsiisuuf humni addaa Oromiyaa  qeerroofi qarree keessaa babahe isa sardaa jira jedhan.

Wayita humni addaa Oromiyaa bobbahu juuntichi Oromoofi sabaaf sablammoota biroo fira kooti holola jedhu afarsuus kan isa dhagahu hinjiru jedhu.

Murni kaleessa isnaayparii adda ilmaan biyyattii dha’aa ture har’a fira fakkaachuun nageenyaaf akka hintaane hubachuun barbaachisaa ta’uus Obbo Taayyeen dhaamaniiru.

Warraaqsi biyya baraaruu kun gahee naannoo tokkoo qofa osoo hintaane, kan Itiyoophiyaanotaa hunda waan ta’eef, naannoleen humna addaa bobbaasuun tarkaanficha saffisiisaa jiru jedhan.

Deeggarsa gama kanaan taasisaniifis kabajni guddaan kan isaaniif malu ta’uu kan himan Obbo Taayyeen, warraaqsichi hamma juuntichi dhabamsiifamutti cimee ittifufa jedhan.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: