Design a site like this with WordPress.com
Get started

Hin Yaadawwin!

Hin yaaddawin!
Galma mul’ata qabu rakkinni hin hankaaksu.
Halkan hin bariines hin jiru.

http://www.AbdiAminBakar.com

  Yeroo tokko tokko wanti guddaan keessake osoo jiruu haalli immoo siif mijachuu dida.
Namoonni naannooke jiran kanneen si gargaaruu danda’an sababa si hubachuu hin dandeenyeef si hin gargaaran.

Namoonni ati waammatu deebii siif hin kennan; si jalaa hin owwaatan. Kana irraa kan ka’e akka waan Addunyaa kana irraa qofaakee jirtuutti qofummaan sitti dhaga’ama. Abjuunke garuu keessakee tuttuqa; boqonnaa siif hin kennu.

Haalli keessa jirtu raawwii abjuukeef mijataa ta’uu dhiisuu mala. Abjuuke milkeessuuf garuu haalli mijataan hanga siif uumamu eegun sirra hin jiraatu waanuma harkaa qabduun haala qabatamaa keessa jirttu keessatti waan dandeessuu fi waan sirraa eegamu hunda godhi.

Iddoo yaadde ga’uu baatuus iddoo yaadde ga’uuf hin taa’in waan dandeessu hunda raawwadhu. Dukkana Walakkaa kan waan bari’uu hin fakkaanne keessa dhaabattee jirta ta’a.

Garuu na amani dukkana kana booda ifni guddaan ba’uu hin oolu dukkana keessa dhaabbattee ifa arguu danda’uu qabda. Hubadhu! Halkan dhi’ee achiin hafee beeku hin jiru.

Yeroo isaa eeggatee sa’atiin isaa geenyaan halkan hin bariine hin jiru! Wanti gaariin yeroo fudhata wantoota si qunnamu hunda bifa bilchina qabuufi obsaan irra dabarraan iddoo yaadde numa geeysa. Kanaafuu, jireenya kee keessatti tasuma abdii kutachuufi wantoota xixiqqoodhaaf jattee hamilee cabuun sirra hin jiraatu.

Kaayyoo kee irratti cichi. yeroo sirrii ta’etti wanti gaariin ati yaadde siif milkaawuun isaa numa hin oolle. Isa kana jala naaf sarari! Mul’ata galma qabu rakkini hin hankaaksu!
Halkan hin bariines hin jiru.

/#Hin_Yaadawwin!

Maaliif akka ati yaaddu ta’uu dhabeef Hin rifatin. Waqnii Keenya Rabbin Hakiimi. Waan siif Gaarii isaatu sirra siif beeka. Gaafa Soorassummaan namoota kuuwwaniif Gaarii hiyyummaan kee si hin yaaddessin.

#Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2ffaa keenya kanas
https://youtube.com/c/abdiamibakar

Channeli YouTube Keenya #Subscribe gochuun Wantoota Dinqisifannoofi Barnoota Jireenya gaarii barachuu ni dandessuu.

Kun akka ati jabaattee carraqxuuf hulaa siif banuu qaba malee akka ati yaadaa fi hiraariin umrii tee gabaabsituuf waan siif kennamee miti.

Ati jabaadha, tan dhabde argachuu dandeessa, ati jabaadha tan sirraa fuudhamte deeffachuu dandeessa, ati jabaadha Onnee guutuun hulaa sitti cufamte Qofa daawwataa hin oolin. Hulaa banuu dandeessu kan biraa hedduu akka jiru ofitti himi.

Bitaan yoo sitti Ulfaate Mirgaan karaa baafadhu, Gubbaan yoo siif mijjatuu baate Jalaan Firraa bani.

Addunyaan Irra jiraannu tun filannoon tan guutamteedha. Filannoolee baay’ee kana keessaa tan siin wal gittu akka hin dhabamne beeki.

Filadhu gaafa siif milkaawuu dhabe karaa jijjiirii filadhu. Hamma kan kee argattutti filachuu dhaabuu hin qabdu.

Kan namoota si Cinaa jiran ilaaltee hawwuu dandeessa.

Garuu maaliif akkas taate akkuma namni bifaa fi ilaachaan wal dhabutti kennaan isaaniif kennamus wal dhaba.

Iccitii barruu kootii hubatta taanaan deebitee akka hin gaddine adaraan sitti dhaammadha.
Namoonni Waan Siif kennameef si jibban yoo jiraate namoota milkaa’ina kee hin jaalanne tahuun si yaadachiisa.

Abdi Amin Bakar

Kanaaf hojii keetirraa harka guurratte taanaan kaayyoo isaanii galmaan gahuuf qophiirraa jiraachuu kee akka narraa hin daganne.

Jabaadhu, jabaadhu, Jabaatu jannataawuu bitataa ni beeytaa mii?

#Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluufi Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuuf;

Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar

Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa  https://youtube.com/channel/UCfNWzAsd9sAsuQGv7QYErqA

Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/c/abdiaminbakar

Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/

Websayiti keenya http://abdiaminbakar.simplesite.com/

Inistagiram keenya https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/

Twiitara Keenya https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09           

Nu duukaa  bu’aa nu hordofaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: