Ityoophiyaan filannicha nagaan xumuruu isheef Chaayinaan erga baga gammadanii dabarsite
Ityoophiyaa filannoo marsaa 6ffaa gaggeessitee nagaan xumuruu isheef Chaayinaan erga baga gammadanii dabarsiteetti.
Biyyattin ergicha karaa Dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Liyaan Zaa’ootin kan dabarsite.
Ergichis, Ityoophiyaan filannoo marsaa 6ffaa gaggeessitee milkiin xumuramuu ibsuun, yeroo itti aanuutti tumsa faayidaa uummattoota biyyoota lamaaniirratti waloon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Tumsa Chaayinaaf Afrikaa Ityoophiyaan ishee ijoodha jechuun fuula Twiitara isaaniirratti ibsaniiru.