Design a site like this with WordPress.com
Get started

Of Eggannoo Cimsii

Mootummaan
of Eegannoo Cimsi!
Ummanni Of Qopheessi!!

Amma waan biyyaa malee waan Tigraay haa dhiifnu. Ta biyyaa keessatti Tigraay daaraan haa tuqannu. Asirratti waan tokko dhugaa ofitti haa himnu. Bulchiinsi Amerikaan kan ammaa diina Itoophiyaa isa angafaa akka tahe jala murree haa hubannu. Shira Juntaa, Masrii(Egypt) fi Suudaan duuba qindeesummaan Amerikaa akka jiru shakkii malee haa barru. Gamtaan Awroppaas akkasuma tahuu sirritti haa qabannu. Eega akkana tahe fala irratti haa xiyyeefannu.

1.Birmadummaa keenyaaf Wareegama barbaachisu hunda kafaluuf yeroo kam caalaa qophii haa taanu.
2.Xiyyeefannoon ol’aanaa fi humna qabnu hundaan daangaa suudaan irratti humna waraanaa keenya sirritti haa cimsinu.
3.Naannoo Beenishaangul-Gumuuz weeyraruun galma ijoo Egypt(Masrii) fi Suudaan tahuu shakkii malee haa amannu.
4.Juntaan Egypt fi Suudaan wajjiin qindoomee lola nurratti banuuf qophiirra akka jiru sirritti haa beeknu.
5.Amma booda dubbiin Walqaayti dubbii Naannoo Amaaraa osoo hin taane dhimma birmadummaa Itoophiyaa tahuu jala murree haa qalbifannu!
6.Mootummaan of dagannaa takkaan malee humna guutuun daangaa Suudaan irratti osoo Ija hin libsanne akka dhaabbatu waraana haa ajaju.
7.Dhaabbilee Gargaarsa Adunyaa hunda ija diimtuun haa hordofu. Warra rakkoo qabu biyyaa haa yaasu.
8.Mootummaan Karaa hundaan waraana cimsuuf waan qabnu mara haa fayyadamu!

Birmadummaa yookaan Du’a jannee xiiqiin haa kaanu!

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: