Design a site like this with WordPress.com
Get started

Seenaa Akkan Barnoota Jireenya Nama Barsiisuu Hubannoo Addaa Irra Argattu

Hamma Duuti Addaan Nu Baasutti!
(Seenaa ajaa’iba kana dubbisuu hin dagatiin)

Gaafas galgala yeroon mana gahu, haati manaan koo irbaata qopheessitee na eegde. Harka ishee qabeen, “Waanan sitti himun qaba” jedheen. Nyaata nuuf dhiyeessitee cal jettee nyaata nyaachuu jalqabde. Haala koo irraa waan hubatte natti fakkaata ija ishee lambas lambas goote anas lafas ilaalti.

Akkamitti akkan afaan koo saaqqadhee dubbadhe naaf hin galu. Garuu, wal hiikuu akka qabnu isan yaadaa ture beekuu qabdi. “Akka walhiiknun barbaada” Suuta jedhee tasgabbaa’een mata-duricha kaaseef.

Waan aarte hin fakkaattu, qooda aarii sagalee laafa tokkoon, “Maaliif?” jettee gaaffii na gaafatte. Ani gaaffii isheef deebii kennuuf eeyyamamaa hin taane. Kun ishee aarseera. Fal’aana harkatti baatte jirtu achi darbatte. “Ati nama akkamiiti?” jettee natti iyyite. Gaafas utuu walitti hin haasa’iin bulle. Halkan guutuu boo’ichaan dabarsite. Rakkoon gaa’ila keenya muudate maal akka ta’e beekuu barbaadde. Deebii quubsaan kenneef, onneen koo akka dubartii biraa Jeenii jedhamtuun jalaa fudhatame. Kana booda ishee jaalachuu hin danda’u.

Miirri yakkamtummaa gadifagoon utuu natti dhaga’amuu waliigaltee ittiin wal hiiknu; kan manni, konkolaataan keenya, parsaantii kaampaanii keenyaa 30 akka isheen fudhattu kan eerun dhiyeesseef. Sirriitti erga ilaaltee booda addaan tatarsaafte. Dubartiin umurii ishee keessaa waggoota kudhan na waliin jiraatte nama biraa taate. Yeroo, humnaa fi anniisaa ishee na biratti gubateef dhiifaman gaafadhe, onnee guutuun Jeeniif kenne deebisee irraa fudhachuu waan hin dandeenyeef. Dhumarratti waanuman ani irraa eegaa ture, sagalee guddaadhaan fuuldura kootti kuftee boosse. Anaaf boo’ichi ishee homaa miti. Yaadi wal hiikuu torban dheeraaf yaadamaa ture amma sirriitti cimee ifas baheera.

Guyyaa itti aanu, turee yeroon dhufu teessee barreeffama wayii barreessaa jirti. Irbaata utuun hin nyaatiin dadhabee waanan tureef, kallattumaan bakka ciisichaa dhaqeen rafe. Yeroon hirribaa ka’u, bakka galgala barreessaa turtetti deebitee barreessaa jirti. Ani dhimma itti hin godhanne. Deebi’een ciise.

Ganamaa ergan ka’ee wal hiikuu keenyatti waliigalte. Turtii ji’a tokkoo irra kan darbe homaa narraa barbaadne. “Ji’a tokko kanaaf akka jireenya rakkinni tokko keessa hin jirreetti haa jiraannu” jette. Sababni isheen dubbii kana dubbatteef salphaa ture. Mucaan keenya ji’uma kana keessa qormaata waan qabuuf walhiikuu keenyaan qormaata isaa irratti akka hin jeeqamneef.

Kanatti waliin gala. Isheen waan haaraa of harkaa qabdi. Guyyaa cidha keenyaa ishee baadhee kutaa misirroo akkan itti seene sana akkan yaadadhu na gaafatte. Ji’a kanaaf ganama ganama yeroo hundumaa baadhee kutaa ciisichaatii balbala duratti akkan gadi baasu na gaafatte. Maraachuuf waan deemtu wayii natti fakkaate. Guyyoonni xumura gaa’ila keenya akka bareedu anis waanin barbaadeef boodarra tole jedheen fudhadhe.

Waa’ee walhiikkaa haadha manaa koo Jeenittin hime. Jeenin sagalee guddaadhaan kolfite. Waanan gowwomsaa jiru itti fakkaate. “Yaada akkamiis yoo dhiyeessites walhiikuun keessan hin oolu” jette.
Ani fi haati manaan koo guyyaan walhiikkaa yaadee as waliin hin ciifne. Guyyaan jalqaba bakka ciisaatii baadhee alatti baasu sirriitti ija keessa wal ilaalle. Ilmi keenya nu duuba deemee, “Abbaabbaan harmee harka isaatti baatee deema” jedhee harka isaa rukuta miira gammachuun guuteen. Jechi isaa sun miirri wayii akka natti dhaga’amu godhe. Kutaa ciisichaatii hangakkutaa teessumaatti, isa booda immoo hamma balbalaatti gara meetira 10 nitti fageenya dhiyaatun baadhee deeme. Sagalee baay’ee lallaafu tokkoon ija ishee junuunfattee, “Waa’ee walhiikkaa keenyaa mucaa keenyatti hin himiin” jette. Mataa koo raaseen akkan itti hin himnen mirkaneesseef. Balbala durattan lafa kaa’e. Isheenis alatti baatee Baasii eeggachuuf dhaabatte. Ani kophuma koo konkolaataa koo konkolaachisaan gara biiroo koo deeme.

Guyyaa lammaffaa, nuti lamaanuu taatummaa fooyya’aa agarsiifne. Laphee koo irra akka daa’imaatti ciifte. Fooliin shittoo ufata ishee akkan urgaa’a. Waggoota dheeraadhaaf dubartii kana dagadhee akkan ture natti dhaga’ame. Dargagummaatti akka nagaa dhaamaa jirtun arge. Fuulli ishee susuntuuruu jalqabeera. Daqiiqaa muraasaaf waanan ishee gochaa turen yaade.

Guyyaa afraffaa, yeroon ol ishee fuudhu, hariiroon keenya akka deebi’aa jiru natti dhaga’ame. Isheen kun dubartii ishee waggaa kudhan jireenya ishee anaaf kennitedha! Guyyaa shanaffaa fi ja’affaa, walitti dhufeenyi keenya guddachaa akka jiru natti dhaga’ame. Jeenitti waa’ee waan ta’aa jiru kanaa itti hin himne.

Guyyaa tokko ganama uffata uffattu filachaa turte. Uffata mijatuuf dhabde. Hafuuraa dheeraa baafatte. “Uffanni koo natti bal’atani” jette. Qal’achaa jirti. Kanaafan akka salphaatti baachaa ture anuu! Haalichi keessa koo na tuqe. Hadhaa’ummaa fi rakkina baay’ee of keessatti dhoksitee jirti.
Yeroo kana ilmi keenya ka’ee dhufee, “Abbaa yeroon kun yeroo ati harmee itti baattudha” jedhe. Isaaf yeroo abbaan isaa haadha isaa baatu arguun kutaa jireenya isaa isa baay’ee barbaachisaa ta’ee jira. Haati isaa ilma ishee kana ofitti waamtee haammatte. Fuula koon irraa naanneffadhe. Sababni isaa iyyuu tasan daqiiqaa xumuraa kanatti yaada koo jijjiiraa laata jedheeni. Isa booda ol ishee fuudheen kutaa ciisichaa, kutaa teessumaa hamma ulaa bahumsaatti baadheen naanna’e. Guyyaadhuma cidha keenyaa natti fakkaate.
Garuu, ulfaatinni ishee baay’ee salphachuun isaa baay’ee na gaddisiise. Guyyaa gara xumuraatti yeroon ol ishee fuudhee baadhu tarkaanfii dheeraa tarkaanfachuu hin dandeenye. Ilmi keenya Mana Barumsaa dhaqeera. Ofitti ol buteen, “Jireenya keenyatti walitti dhufeenyi jaalalaa akka hir’ate hin beekne” jedheen. Konkolaataa oofeen gara biiroo deemee konkolaataa irraa utaalee bu’e. Utuu balbala konkolaataa hin cufiin. Jijjiirrama sammuu koo keessatti ta’uuf jiruuf sodaataan ture. Calliseen olba’e. Jeen balbala bantee, “Dhiifama Jeen ani walhiikkaa sana haqeera” jedheen.

Na ilaalte. Dinqisiifatte. Quba isheen adda koo tumatte. “Si dhukkubaa?” jette. “Dhiifama Jeen ani haadha manaa koo waliin gargar bahuu hin barbaadu” jedheen. Gaa’illi keenya sababa nuti jireenya keenyatti gatii kennuu dhabneen nuffisiisaa ta’uu danda’a, malee waan nuti wal jaallachuu hin dandeenyeef miti. Gaafa cidha keenyaa yeroon alaa baadhee ol galchu gaafa duunu qofaa akka gargar baanu yaadeen ture” jedheen.

Jeen akka nama hirriba keessaa ka’ee taate. Ol kaate kaballaa guddaa na obaafte. Balbala darbattee bantee sirriitti boosse. Gad bu’een konkolaataa koo kaafadhee qajeele. Dunkaana habaaboo yeroon ga’u konkolaataa koo dhaabee bu’een kennaan haadha manaa koo waggoota dheeraa of biratti dagadheef bitee qajeele. Isheen dunkaana gurgurtu kaardii habaaboo sanarratti maaltu haa akka barreeffamu na gaafatte. “Yeroo hundumaa ganama ganama hamma duuti gargar nu baasutti sin baadha” kan jedhuun irratti barreessisiise.
Galgala gaafasii habaaboo harkatti qabadhee, fuula ifeen mana gahe. Manatti olseeneen hamman ishee bira gahutti jarjareen miila ho’aan deeme. Kutaa biraa hin jirtu. Kutaa ciisichaa jirti jedhee yeroon seenu achuma jirti. Garuu, lubbuun keessa hin jiru. Haati manaan koo boqotteetti.

Haati manaan koo edaa yeroo dheeraadhaaf dhukkuba kaansarii waliin wal’aansoo wal qabaa turte. Ani garuu, dubartii biraafan yeroo koo kenne. Nama yeroon kennamuu qabuu dhiiseen nama biraatiif yeroo koo kenne. Edaa isheen akka duutu beekti turte. Kanaaf ji’a tokkoof akkan obsuuf na gaafatte. Ani ishee lolee yoon gaa’ila kana diige ilmi keenya hamaa taasisee waan na ilaaluuf, akka inni bifa sanaan na hubatu isheen hin barbaadne. Ani isheetti hammaadhu illee hammeenya guddaa tokko irraa na oolchite.

Yeroon nuti dachee kana irra jiraannu dheeraa fakkaattus baay’ee gabaabduudha. Wall bira teenyee akka wal hin wallaale. Qooda jaalalaa jibba akka hin filanne. Namoota biroof karaa tolchuu malee jireenya akka itti hin hadheessine.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: