





Waajjirri kilaastara magaalaa Oromiyaa waltajjii gamaaggama raawwii karooraa bara 2013fi kallattii karoora bara 2014 irratti sektaroota magaalaa waliin Magaalaa Sabbataatti mari’achaa jira.
Pirezdaantii itti aantuufi Qindeessituun Kilaastara Magaalaa Oromiyaa, Aadde Caaltuu Saanii, Magaalonni giddu gala diinagdee fi sosochiin hawaasummaa jabaan keessa jiru waan ta’aniif misooma magaalaa Naannoo Oromiyaatiif xiyyeeffannoo addaa kenninee hojjachaa jira jedhan.
Sektaroonni magaalaa hundi qindoominaan hojii karoorfatan akka milkeessaniif, karaa koree gabaa tasgabbeessuufi qaala’insa gatii to’achuuf hundaa’ee yeroo gara garaatti karoora qabameen alatti haala yeroo giddu galeessa godhachuun qorannoon qoratamaa akka ture yaadachiisan.
Hoji dhabdummaa guddina magaalotaaf gufuu ta’u xiqqeessuufis hojiin gaariin hojjatamuu dubbatan.
Magaalota keessatti tajaajilli tola ooltummaa akka amaleeffamuuf lammiileen dhimma misooma magaalaa isaaniirratti miira aantummaan akka hirmaataniif sagantaan kenna tajaajila lammummaa milkaa’inaan raawwachuusaas himan Aadde Caaltuun.
Muuxannoon magaalota keessatti barana gama kenna tajaajila lammummaan galmaa’e gara baadiyyaattis akka babal’atuuf karoora bara 2014 keessatti xiyyeeffannoo argachuu akka qabus dubbatan.
Misooma kamirrattuu fayyadamummaafi hirmaannaa hawaasaa dabaluun milkaa’ina karoora sektarootaaf qooda ol’aanaa akka qabas jedhan.
Itti gaafatamaan Waajjira Kilaastara Magaalaa Oromiyaa, Obbo Mulgeetaa G/ Hiwot raawwii karoora bara 2013fi karoora bara 2014 irratti waraqaa qophaa’e dhiyeessaniiru.
Magaalonni bakka lammiileen baayyinaan jireenyaaf filatan, babal’ina magaalotaa faana rakkoo hoji dhabdummaa mul’atuuf furmaata kaa’uuf sektaroonni magaalaa carraa hojii uumuu irratti bal’inaan karoorfatu jedhan, Obbo Mulgeetaa.
Bara 2013tti sektaroonni magaalaa carraa hojii lammiilee miiliyoona 1fi kuma 50’f dhaabbiin uumuuf karoorfatan, gabaasni dhiyaate akka mul’isutti bara kana hojii kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennameen namoota Miiliyoona 1 fi kuma 400 oliif carraan hojii dhaabbiin uumameera.
Raawwiin kun karooraa ol akka ibsameera. Gama biraatiin Magaalota keessatti bakkeen magariisuufi paarkiiwwaniif xiyyeeffannoo kennuun paarkiiwwaniifi bakki bashannanaa misoomsuun hojii gaariin hojjatamuutu ibsame.