Design a site like this with WordPress.com
Get started

Nagaa LabsuunMoo’iicha moo Boo’iichaa!

Nagaa Labsuun
Moo’iicha moo Boo’iichaa!

Qabsoon Tooftaa Hedduu qaba.Tooftaan Ammoo Gaariis Yaras qaba, Kana Hubachuun Gaariidha.Tooftaan Haala mataa isa qaba. Tooftaan kaleessa Arratti Hojjachuu Dhabuu Danda’a,kanaaf Tooftaa Jijjirama. Akkuma Guyyaan Jijjirama Deemu Toftaan Qabsooss Jijjiramu Danda’a,kanaatti Burjaajiin Hin Barbaachisu.Mo’aattooni Yeroo Hunda Nagaa Lallabuu.Nagaa Lallabuun Moo’uuf Malee moohamuuf miti.karoora Qabna,kanaaf waan Hojjanne Beeyna, waan Hojjannuufis Caalchiffnee Beeyna kana Sa’ati miti, Sakondiif Hin Dagannu.Amma Qabsaawonni Buuleyyiin Eenyuun Caalaa Dursanii Hubatu.Kana kan Rakkaatu Dhaloota Dhiheenya qofa, Humaa Burjaajiin Tokko hin jiru Araaramnii Mootummaan Humna Shororkeessaa wajjin taasisu Gonkuma hin jiraatu. Silaa ture Gaafa Wayyaaneen Humna qabduu sana ture Araaramnii.Bubuteen Juntaa Maqalee qabachuu miti, Kutaa Magaalaa tokkolee qabachuu Akka Dandeenye Namuu Ijaan Argee. Murni kun kaleessa Humna Danuu Qabu ture,Humna Kana Hunda qabate Moo’ata ta’uu Hindandeenye?Arra Eessaan Dhufee Moo’ate Maqalee Galee? Kaleessa maalif maqalee Gadhiise? Jaalatee moo jibbee? Dhugaa Fudhachuun Gaariidha. Nagaa Kan Labsee Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayii.Gaaffii Kan Dhiheessees Bulchiinsa Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraayii,Kanuma Dhugaan jiru. Ammoo Dubbiin Akka Oloolltuun Oloolltuu miti. Mootummaan Dirqamee Dhibba tokkoonWaraansaa Dhabee hin jiru,Hunda olitti kan midhamee Ummata Nagaa ummata Tigraayii.Ummanni Tigraayii Guutuun Beela Hammata keessatti Argamuu.

Sobu miti Ummanni Tigraay Qormaata Cimaa Gurguddaa lama keessatti Argamaa.Tokkoffaan Beelaa.Awwaanisni Guutuu Biyya Jiraatuus Naannoon Akkamalee Midhamee Naannoo Tigraayii.Omishni Hangi Awwaanisarra Hafe Osoo Haamameen Galiin Kana keessatti Loolli Jalqabee,Midhaan Sababa waraansan Sassaabachuun Dandeenye.kanaattu Cophxoo irratti Fanxoo ta’ee.Lammaffaan Rakko Nageenyati,Dhalli Nama Nagaa malee Hin jiraatu Dhihee Hogguu Bari’uu Hunda Dura Nagaan Bultanii Jedhee Oollaan Walgaafataa,Kana Jechuun Dhallii Nama Nyaataaf Dhugaati Dura Nagaa Barbaada.Kan Nagaa Labsuun Barbaachisuus Kanuma.Yeroo kana keessatti Murni Kaleessa lollee Injifachuu Dadhabee Akka Lollee Injifate Yeroo Dhiichisan Arginaa.Garuu Dhugaa jiru Hubachuun Salphaadha,Hubbadhaa Nagaa Labsuun Keessatti Tooftaan Hin jiru Jechuun miti.Mootummaan Deebi’e Juntaa waliin Araaramuu hin jiru.Kana shakkinaa.Wayyaanee Dhukee Qilleensi facaase Dhukeen Faca’ee Deebi’e walitti Dhufu Qileensumarrati Badee Hafa.“Nagaa Labsuun Tooftaafi Tooftaan Ammoo moo’iichaaf”AmmooNageenya Naannoo keessani Eeggachuun Dagatinaa!

Gadaan Nagaa!
Nageenyi Badhaadhaa!

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: