Design a site like this with WordPress.com
Get started

Oduu Ammee

#Oduu_Amma
Deeggarsi maatii Hacaaluu Hundeessaaf Qarshiin miliyoonni dhibbi 1 fi miiliyyoonni 41 fi kumnni dhibbi 3 fi kumni 3 baankii gale

Qaroo Uummata Oromoo kan tahe maatii fi ijoolleen Artistii Haacaaluu Hundeessaa gama hundaanu utubuu qabna jedhan Pireezedaantii Itti aantuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi qindeessituun kilaastara magaalootaa fi walitti qabduu itti aantuun koree ol’aanaa Maatii Artistii Haacaaluu Hundeessaa Aadde Caaltuu Saani.

Koreen ol’aanaan deeggarsa maatii Artistii Haacaaluu Hundeessaa hojiilee hanga ammatti hojjetame ilaalchisee midiyaaleef ibsa kenneera.

koree ol’aanaa Maatii Artistii Haacaaluu Hundeessaatti walitti qabaan koree faayinaansii kan tahan hogganaan Biroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee hojiilee hanga ammatti deeggarsa gama hundaanu taasifame ilaalchisun ibsa kennaniin deeggarsa maallaqaa biyyaa alaa fi keessaa sassabamee maatiif darbee, Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaatti Birrii 8,574,717.95, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatti Birrii 39,583,375.27, Baankii Awaashitti Birrii 9,732,990.77, Baankii Daldalaa Itiyoophiyaatti Birrii 86,616,994.65 galii tahuun akkawoontii maatitti galeera jedhen.

Kana malees, kallattiin deeggarsii maatiifi kennamee OBN miliyoona 10, Paartiin Badhaadhina Damee Ormiyaa miliyoona 3.6 ol  ,Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa,Yuunivarsitii Amboo fi Abbootti qabeenya gara garaa birrii miliyoona 26 fi kuma 249 kan gumaachan tahu himan.

Waliigala Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyyoonni 41 fi kumnni dhibbi 3 fi kumni 3 Baankii galuun gara maatiitti darbuu himan  walitti qabaan koree Faayinaansii korichaa obbo Dhaabaa Dabaleen.

Obbo Dhaabaan qaamolee hirmaannaa olaanaa taasiisaa turan hunda galateeffataniiru.
https://www.facebook.com/108277194000122/posts/342760113885161/

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: