Design a site like this with WordPress.com
Get started

Rabbin Nuha Dammaqsuu

FURMAANNI DAMMAQUUDHA.

~
“Namichatu abjuudhaan bosona guddaa keessa deemaa ture. Osoo bosona addaan kutee deemaa jiruu, hoomaa waraabessaatti dhufe. Rifatee gara fuulduraatti utuu fiiguu, of duratti haroo bal’aa naachi keessaa mul’atutti dhufe. Waan godhu dhabnaan, muka tokko koruuf yaadee gara mukaatti fiigee koruu eegale. Muka yaabbachaa utuu jiruu gara irraan jawwee muka irraa isa nyaachuuf itti deemu arge.
~
Namichi kun jalaan waraabessa, fuulduraan haroo fi naacha, gararraan immoo jawweedhaan marfamee jira. Rakkoo hamaa kana keessaa bahuuf maal gochuu qaba? Namni kun yoo fiiges, yoo utaales, gara samii barrises, nyaatamuu jalaa of oolchuu hin danda’u
~
Rakkoo walxaxaa kana keessaa bahuuf fala tokko qofa qaba. Innis DAMMAQUU dha. Namichi kun hirriiba keessa jira. Kana jechuun gaafa dammaqe wanti inni akka rakkootti ilaalu kuni rakkoo hin jirredha.
~
Kanaafuu wanti namatti dhufu abjuus ta’ee dhugaas yeroof namatti fakkaata, namas sodaachisa”.
~
➡ Ati garuu dammaqi!
➡Wanta yaadde kamittillee dammaqi!
➡Karooraa fi kaayyoo keetti dammaqi!
➡Waaqni akka dammaqnu nu haa gargaaru.
~

Galma dhugaa qaqqabaa!❤

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: