TOKKUMMAAN JABINA !
“Namichatu ilmaan torba qaba ture. Ilmaan isaa kun ammaa amma waliin morkuudhaan jiraachuu caalaayyuu wal qoccoluun isaanii kun hojii hojjatanii ittiin jiraatan akka hin hojjanne godhe.
Abbaan ijoollee kanaas hammeenya ilmaan isaa gidduu jiru erga hubatee booda gaaf tokko hunduma isaanii walitti waame. Uleen torba nyaqqi godhee walitti hidhee isaan dura kaa’e.
“Isin keessaa isa hidhame kana cabsuu kan danda’u eenyu? Nama cabseef sangaa qotiisaa tokkon badhaasa” jedheen.
Torbanuu adduma addaan itti darbanii cabsuu yaalani. Garuu ijoollee isa keessaa uleewwan itti kenname sana cabsuu kan danda’e tokkollee hin argamne.
Kana booda abbaan ijoollee, uleewwan torban walitti hidhe sana hiikee tokko tokkoon akka cabsan itti kenne. Ilmaan isaas rakkina malee ulee itti kenname sana caccabsanii fixan. Abbaan issaaniis taa’ee erga ilaalee booda “Akka ulee kanaa isinis hamma wal jaalattanii wajjin jiraattanitti hoomtuu isiniin mo’uu hin danda’u.
Gaafa funyoon walitti isiniin hidhu sun hiikame akka ulee caccabsitan kanaa taatu” jatte jatte namootin odeeffannoo sobaatin gargar isin facaasani deebi’anii isin hamatu jedheenini waa’ee tokkummaa fi jaalalaan wajjin jiraachuu itti hime.
Wal tuffachuun tokkummaa miidha.




