Waldaan Aksiiyoona Maxxansaa Meelbaa Eebbifame.
Waldaan Aksiiyoona Maxxansaa Meelbaa Birrii Biiliiyoona 1.4 oliin Magaalaa Galaanitti ijaarame eebbifameera.

Sirna eebbaa kanarratti argamuun ergaa Kan dabarsan pireezedantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, MNO rakkoo hawaas-diinagdee Ummataa hiikuuf hojiiwwan garagaraa hojjachaa jira jedhan.
Hojiiwwan waarshaa pilaastikaa, sibilaa, dhaabbilee ijaarsaafi faayinansii hojjachaa dhufeera, kunis hanqina gabaa hiikuufi rakkoowwan jiran furuu keessatti gahee olaanaa gumaachaniiru jedhan. Hojiiwwan inveestimanti Mootummaan Naannoo Oromiyaa irratti xiyyeeffate keessa tookkoo Meelbaa printingiii,pablishingiifi paakeejiingiti jedhan.
Gadaawwaan jiran keessa gadaan Meelbaa, isa tokkoofi yeroo injifannoowwn gurguddoon itti galma’an, ammattis ummanni hawwiisaa bara hedduu kan itti milkeeffatedha, maqaa kanaan moggasuu keessaniif galatooma jedhaniiru.





Injifannoo tokkoo, ijnjifannoo Kan goodhu bu’aa ba’iifi miixuudha,kaanittis milkiin darbuuf cimnee haa hojjannuu jedhaniiru. Meelbaan Barreessitoota barreessaniifi ummataaf carraa guddaa kan banu waan ta’eef haalan itti fayyadamuu qabdus jedhaniiru.
Dhaabbanni waraqaa oomishuus nu barbachisa, kanaaf Oromiyaa Lixaatti dhaabbata waraqaa oomishuu ijaarruuf qophii xumurreerra jedhan pireezadanti Shimallis. Hooggantoonnifi misensoonni Meelbaa akkasumas MNO kana qofaan dhaabbachuu osoo hin taane kan caalutti tattaffachuu nurra jiraatas jedhan.
Qamoolee ijaarsa waldaa Meelbaarratti shoora olaanaa taphataniis galateeffataniiru. Baankiin Misooma Itiyoophiyaa liiqii mijeessuudhan gahee taphateefis galateeffataniiru.
Bara darbee pirookjektoota 6,400 ol eebbisneerra kan jedhan pireezedanti Shimallis, hojiiwwan hojjatamaniifi bu’awwaan argamaniin osoo hin dhaabbatin hunduu jabaatee akka hojjetuuf waamichas dhiyyeessaniiru.
Oromiyaa misoomsun Itiyoophiyaa misoomsudha,hidha haroomsaa fi piroojektoota hafan tokkoo taane waliin haa xumurruus jedhaniiru.