Design a site like this with WordPress.com
Get started

Hubadhaa, Namni Hundi Yeroo Qabaa

Amma Odaan Oromoo Abiyyi qofa
Oromoo hundaaf gaaddisa taa’a!
Dubbisaa na dubbisaa!

Dr Abiyyi yoo xiqqaatee xiqqaate qabsoon ABO akka itituuf oolmaa guddaa tokko nuuf oolaniiru.Shanee dabalatee murnootni maqaa ABO qabanii fi hooggantootni ABO gameeyyiin uummata isaanii waliin akka wal arganiif dagalee addaan hiree ture caccabsaniiru.Uummataa fi qabsa’oota walitti fidan,qabsa’ootaa fi qabsaa’ota walitti fidan,gameeyyoota jaarmaalee isaanii waliin qe’eetti galchan.Kun silaa oolmaa guddaadha.Kabajaa fi ulfinatu isaaf mala ture.
Shanee fi jaarmoliin kunniin garuu qabsoo ABO itichuu caalaa firfirsuu fi bittimsuu filatan.Shaneen uummataan wal agartee sagantaa siyaasaa barsiifattee,caasaa ishii aanolee fi godinaalee hunda keessatti ijaarrachuu utuu dandeessuu qawwee fudhattee uummatatti seenuun qabsoon ABO akka badu,akka xuraawu,akka jibbamu gochuu filatte.ABOn ajjeesuu fi balleessuu malmalee,lubbuu namaatiif da’aata akka hin qabne ragaa itti baate.Akkanatti qabsoo uummanni aarsaa kaffalee fide burjaajessuudhaan ofiis burjaajoftee,dhaabni ABO jedhamu tasuma Oromoo biratti akka badu gochuutti jirti.Seenaa Itoophiyaa keessatti uummanni paartii mormituu hiriira bahee yoo balaaleffatu shanee irratti agarre.Faallaa kanaa ammoo uummanni hiriira bahee mootummaa biyya bulchu yoo deggeru Abiyyirratti arguuf akka dandeenyu kan ulaa saaqeef shaneedha.
Gama birootiin paartiileen maqaa Oromootiin socho’an hundumtuu qabsoo ABO kana itichuuf fedhii fi hawwii yoo qaban hin agarru.Abiyyi biyyoota adda addaa irraa walitti erga fidee booda hoji maneen kan jaraa ta’uu utuu beekanii Abiyyiin maaliif akka ABOtti hin hojjetu jechuu eegalan.Abiyyi waan barbaade hojjechuu danda’a.Dirqama kaayyoo ABO,KFO yookiin PBO galmaan gahuun irra hin jiraatu.Imaammannii fi siyaasni Abiyyi naaf hin ta’u jedhee kan didu uummata Oromooti.Sanammoo sagalee isaatiin mirkaneessa.

Haa ta’u malee jaarmoliin mormituu maqaa ABO fi Oromoo qabatanii adeeman Abiyyi akkana gochuu dide jedha

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: