Of qopheessi.
Karaan dhugaa jallatee
Daddabee si rakkisus
Kan ati abdii goote
Diinomee si tuffatus
~
Jabinaa fi jaalalli kee
Moo’ee haa daraaru
Kaayyoon kee fuula duraa
Cimee si haa gargaaru
~
Abdii horadhuu deemi
Qajeelfadhu imala
Sobaan haguugamuunis
Ni jirti ee ni mala
~
Kanaaf har’a qopheessi
Obsaan beekumsa sirrii
Har’a tooftaa kee barraan
Bor-tolee dhufa barrii
~
Of_qopheessi koodeekoo
Koodee yaa gurraachana
Har’a yoo jabaattemmoo
Hunduu siif ta’a gaachana!