Galma mul’ata qabu rakkinni hin hankaaksu.
Halkan hin bariines hin jiru.
Yeroo tokko tokko wanti guddaan keessake osoo jiruu haalli immoo siif mijachuu dida. Namoonni naannooke jiran kanneen si gargaaruu danda’an sababa si hubachuu hin dandeenyeef si hin gargaaran.
Namoonni ati waammatu deebii siif hin kennan; si jalaa hin owwaatan. Kana irraa kan ka’e akka waan Addunyaa kana irraa qofaakee jirtuutti qofummaan sitti dhaga’ama. Abjuunke garuu keessakee tuttuqa; boqonnaa siif hin kennu.
Haalli keessa jirtu raawwii abjuukeef mijataa ta’uu dhiisuu mala. Abjuuke milkeessuuf garuu haalli mijataan hanga siif uumamu eegun sirra hin jiraatu waanuma harkaa qabduun haala qabatamaa keessa jirttu keessatti waan dandeessuu fi waan sirraa eegamu hunda godhi.
Iddoo yaadde ga’uu baatuus iddoo yaadde ga’uuf hin taa’in waan dandeessu hunda raawwadhu. Dukkana Walakkaa kan waan bari’uu hin fakkaanne keessa dhaabattee jirta ta’a.
Garuu na amani dukkana kana booda ifni guddaan ba’uu hin oolu dukkana keessa dhaabbattee ifa arguu danda’uu qabda. Hubadhu! Halkan dhi’ee achiin hafee beeku hin jiru.
Yeroo isaa eeggatee sa’atiin isaa geenyaan halkan hin bariine hin jiru! Wanti gaariin yeroo fudhata wantoota si qunnamu hunda bifa bilchina qabuufi obsaan irra dabarraan iddoo yaadde numa geeysa. Kanaafuu, jireenya kee keessatti tasuma abdii kutachuufi wantoota xixiqqoodhaaf jattee hamilee cabuun sirra hin jiraatu.
Kaayyoo kee irratti cichi. yeroo sirrii ta’etti wanti gaariin ati yaadde siif milkaawuun isaa numa hin oolle. Isa kana jala naaf sarari! Mul’ata galma qabu rakkini hin hankaaksu!
Halkan hin bariines hin jiru.
πππππππππππ
Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluufi Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuuf;
Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar
Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa https://youtube.com/channel/UCfNWzAsd9sAsuQGv7QYErqA
Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/channel/UCcBGKeV8FcvFEVkZdKxlN-w
Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/
Websayiti keenya http://abdiaminbakar.simplesite.com/
Inistagiram keenya https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/
Twiitara Keenya https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09
Nu duukaa buβaa nu hordofaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.