Jabaa keenya bira haa dhaabbannu !
Mootummaan Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif imaammata biyya alaa dantaa fi birmadummaa biyyakoo miidhu hin fudhadhu jedhee mootummoota America dura dhaabbate Dr Abiyyi qofaadha.
Gargaarsa keessaniif jedhee imaammata ergamtummaan biyya koo jiraachisu,kan akka feetanitti dhimma keenya keessa seentanii akka borcitan eyyamuurra morma kiyyan kenna jedhee kutannoodhaan namni oftuultota lixaa(America) ofirraa qolate ilma Oromoo Dr Abiyyi qofaadh.

Kanaan Oromoon hunduu boonuu qaba.
Tarii dantaa siyaasaa dhuunfaa keenyaaf jennee har’a dhugaa kana dhoksuu dandeenya ta’a.
Boru garuu seenaa irraa haquu hin dandeenyu.
Hedduun keenya iccitii warri dhihaa mootummaa Dr Abiyyi irratti dhaadatanii fi dhimma Itoophiyaa irratti odeeffannoo dharaa balballoomsaa jiran nuuf galuu dhiisuun,akka nuti baandota juntaa cina hiriirree Dr Abiyyitti duullu godheera ta’a.
Kanneen utuu beekanii akka waan inni dippiloomaasii dadhabaa qabuutti diina wajjin ololaa turanis hedduudha.
Dhugaan jiru garuu akka mootummoota darbanii doolaaraan na gowwoomsuun akka ashaangulliitii na ergachuu hin dandeessan, imaammata ergamtummaa keessan hin fudhadhu jedhee waan dura dhaabbateef akka ta’e amma ragaa hedduun bahaa jira.
Kana ammoo seenaan guyyaa tokko waan nuti hin beekne hedduu itti dabalee ifoomsuuf jira. Hangasitti ilma keenya cina hiriirra!!
#Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluufi Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuuf;
Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar
Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa https://youtube.com/channel/UCfNWzAsd9sAsuQGv7QYErqA
Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/channel/UCcBGKeV8FcvFEVkZdKxlN-w
Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/
Websayiti keenya http://abdiaminbakar.simplesite.com/
Inistagiram keenya https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/
Twiitara Keenya https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09
Nu duukaa bu’aa nu hordofaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.






