Design a site like this with WordPress.com
Get started

Jireenyi Adduunya Kanuma

“Waan Bonni gogse Gannatu jiisa.”

Jiruufi jireenyi dhala namaa akka nama Funyoo hutaaluuti, takka ol takka ammoo gadi.

Guyyaadha gara guyyaatti, baraa gara baraatti waldhaansoo jireenyaa dhibuun, daqiiqaa tokkoof gammadanii saatii 24f ammoo gidiraafi ba’aa jireenyaan raakamuun hanga jirrutti uma jiraata.

Garuummoo falaasama “Born to Win” ykn mo’ichaaf dhalanne jettu qabannee akka Lukkuu morma kutanii osoo batattifnuu jiruun ala taana.

Gaafa Lagni guutee Laggeen ol bahanii fakkaranii na argaa, na argaa jedhanii Gudeelchaafi Jabaa baatanii hursanii nama sodaachisan Bonni waan dhufu hin se’ani.

Bonnis gaafa Ongee gad harcaasee Ibiddaan nama gubu Ganni ni dhufa jedhanii tasa yaadanii hin beekani. Garuu Nyaara guuruun Samii qofti Ongeedhaaf gahaadha.

Hardha natu humna qaba, Jabaadha, rukutee miti ilaaleen ajjeesa. Borummoo kan biraatu akkasii. Hardha anatu bareeda, borummoo sihi.

Barri hundi tasa kan nama tokkoo ta’ee hin beektu, akka miidhagnaa namarraa darbiti.

Dubartiin tokko Midhagduu ykn Modelist si’uma tokko taati, yoo akkam jabaatte 2ffaaf mo’atti, sana booda yaaduma of miidhagsuuf yaalti malee irra darba. Kun ammoo uumama. Aangoo kana ammoo kan nuuf kenne Uumaadha.

Barris sanuma, bar tokko hiree keenya ykn bara keenya jiraanna, bara biraammoo kan nama biraa jiraanna. Bara keenyatti nutu waan hunda namaaf murteessa bara itti aanummoo namatu nuuf murteessa.

Miidhuufi miidhamuun garaa garummaa tokkollee hin qabani. Hanga Maraatuufi nama nagaa qabuuti.
Yaanni Maraatuu hunduu isaaf sirriidha. Itti amannaan waan itti amane hojjate. Nus kanaaf gocha maraatuu isumaaf dhiifne.

Nuufis yaanni keenya sirriidha. Maraatuunis kanaaf nuu dhiifte.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: