Dhamsaa Lammii Ethiopia Hundaf
Yaa Saba! Barana Ameerikaa ni jilbiiffachiifna malee hin jilbiiffanuufi!

Hubadhaa: Gaafa American Nu dorsiisu eegaltu, Wanti Lammin Ethiopia hundi hubachu qabnuu, Akka nuti Dandii Sirrii irra akka jirruu fi akka Siyaasan isaan caaluf demnuu wan hubatanifi Dorsiisan isaan America.!
Kanafuu nuti Dandii Sirri irra akka Jirruu hubattanii Deggarsa fi Hamiileen akka nu bira dhabbattan isin hubachifnaa?
Yaa saba! Barana Ameerikaa ni jilbiiffachiifna malee hin jilbiiffanuufi!

Gaggeessitootni Itiyoophiyaa duraani shiruma USA’tin aangoorraa bu’an.
Gaggeessitootni Itiyoophiyaa yeroo hundaa kabajaa fi birmadummaa biyya isaanitif dursa kennu.
Mangistuun yoo Itiyoophiyaa bulchu USA deemsa isaa waan sodaatteef Sayid Baarree hidhachiiftee Itiyoophiyaa akka weeraruu goote.
Garuu gootonni akka Ali Baarkee Sumaaliyaatti waaroo qaanii uffisanii deebisan.
Yeroo sana akkuma ammaa kana warri Suudan gara daangaa dhufuun qotee bultoota Itiyoophiyaa rakkisaa turan. Achumaan Mangeen ” Lubbuu Itiyoophiyaa tokkoof Suudanota 50’n sin kanfalchiisa” jechuun Suudaniif ergaa dhaame.

Garuu Ameerikaan raftee hin bulle. Hodhattoota yeroo sana TPLF deeggartee CIA tti gargaaramuun Mangistuu Zimbaabuwee tti galchitee TPLF muudde.
Waraana ABO mooraa waraanatti Ficcisiiftee, hooggantoota immoo Booleen akka bahan goote. Hunduma caalaa kan nama aarsu waraanni dargii kumaataman lakkawamu fi Afrikarraa 1ffaa ta’e sun akka faffac’u erga goote booda hidhattoota TPLF bosonaa dhufaniin tokko jettee Itiyoophiyaan Raayyaa ittisaa akka ijaarratan goote.
Mallas Zeenaawwiin jalqaba USAf eegamus boodarra fuula isaa gara biyyoota bahaatti deefate ture. Keessumattu waraana Sumaaliyaatti bobbaasuun yeroo Alshabaabiin rukutu sana, Sumaaliyaa keessaa Alshabaabiin loltoonni Itiyoophiyaa guutumatti balleessuuf yoo ka’an, USA ajaja dabarsuun Waraanichi akka dhaabbatu goote.
Kana irraa kan ka’e Mallasaan aaree gara Chaayinaatti fuula deebifatee. Boodarra biyyoonni Lixaa Afrikaadhaf beenyaa kanfaluu qabu jechuun Afrikaanota kakaasee dhiibbaa uumuu eegale. Kun immoo biyyota Lixaa fi USA dhaf mataa dhukkubbii waan ta’eef Mallasaan haala hin beekkamneen du’aan godaane.
Dr.Abiyyi beekamtii fi fedhii USA malee aangootti dhufe. Yeroo baay’ee gaggeessaan biyyoota Afrikaa harki caalu Ameerikatu harka wayyaa jalaatin kaadhima.
Dr. Abiyyi tarsiimoo Siyaasaa inni fayyadameen jiddulixummaa fi jaarsummaa tokko malee waldhabdee Eretiriyaa waliin ture waan hiikeefi badhaasa Noobeeli argate.
Kun immoo USA akkamalee aarse. Keessumattu Trump miidiyaatti bahuun Abiyyi badhaasan argachuu qabu najalaa fudhate jechuun mufachuu isaa ibse. Abiyi dadhabsiisuuf warra TPLF waliin ta’uun waraanni Itiyoophiyaa akka faca’uu fi Obboleessi obboleessa akka ajjeessu erga gooteen booda, TPLF aangotti fiduuf deemti.
Walumaa galatti akka yaada Ameerikaatti Itiyoophiyaan of dandeessee yoo jiraatte, biyyootni Afrikaatis ajaja fudhachuu dhiisuun faana Itiyoophiyaa bu’u.
Kun immoo akka hin taane fi biyyoota Afrikaas ittiin akeekkachiisuuf qoqqobbii diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaatti fe’uun dadhabsiisuun jiilchuuf kutatanii ka’anii jiru.
Ameerikaaf ni milkaawa moo hin milkaawu? Hin milkaawuuf! Barana Ameerikaa ni jilbiiffachiifna malee hin jilbiiffanuufi.
#Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluufi Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuuf;
Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar
Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa https://youtube.com/channel/UCfNWzAsd9sAsuQGv7QYErqA
Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/channel/UCcBGKeV8FcvFEVkZdKxlN-w
Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/
Websayiti keenya http://abdiaminbakar.simplesite.com/
Inistagiram keenya https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/
Twiitara Keenya https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09
Nu duukaa bu’aa nu hordofaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.