Design a site like this with WordPress.com
Get started

Wanta Jireenya Keessatti Si Mudatan Hunda Obsiiti Dabarsii, Furmaanni Dhihoo jiraa?

WANTA UUMAME HUNDA JAALLADU

Thomas Edison Umurii isaa woggaa 67tti guyyaa tokko haala duraan hin baramneen laboraatoorii isaa irraa gara manaa gale.

Akkuma irbaata nyaateen namichi tokko fiigaa oduu rifachiisaa fudhatee dhufe. Balaan abiddaa laboraatoorii Edison maayilii muraasa fagaatee argamu keessatti akka ka’e ture oduun namichi fuudhee dhufe.

Konkolaattonni balaa abiddaa to’atan magaalotaa naannoo sanaa saddeet irraa dhufanus to’achuu hin dandeenye. Keemikaalota garagaraatiin deeggaramuun abiddichi halluu keelloo fi magariisaa uumuun  kaampaanii Edison umurii isaa guutuu ijaaraa ture dhabamsiisuuf arifataa Jira.

Edison callisee ariitiidhaan gara abiddaa deeme. Namoonni fi hojjettoonni balaa abiddaa dhibbaan lakkawaman naasuudhaan waan inni godhu ilaaluutti jiru. Innis ilma isaa waamee “deemi haadha keetii fi hiriyoota isii hunda fidi” jedhee haala ajaa’ibaatiin ilma isaatti dubbate.

“Abidda akkanaa yoomiyyuu arguu hin danda’an” jedhee itti hime.

Ilmis “maal?” Jedhe naasuudhaan

Edisonis mucaa isaatiin “hin dhiphatin” jedhee tasgabbeessee “sirriidha, balfa baayyee irraa bilisa taane” jedhe ilma isaatiin.
Dhugumatti kun ( amazing reaction) murtii ajaayibaati. Garuu yoo sirriitti waayee isaa yaaddan dhugumatti deebiin biraa( wanti inni gochuu danda’u tokko hin jiru). Edison maal godhe?

Ni boyee? Ni aaree? Callisee gara manaa deebi’ee? Erga wanti hunduu uumamee booda homaa gochuu hin danda’u kanaaf callisee of dhiphisuun yeroo isaa gubuu hin barbaanne.wanta uumamu hunda keessa gammachuu barbaaduu barachuu qabna.

Sana booda maaltu ta’e Edison dulloome jedhee dhiise ituu hin taane yeroo muraasa keessa laboratory sana caalu hojii jalqabsiiseera.

Guutummaa isaa dubbisuuf kitaaba
”THE OBSTACLE IS THE WAY” jedhu dubbisaa.

#Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluufi Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuuf;

Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar

Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa  https://youtube.com/channel/UCfNWzAsd9sAsuQGv7QYErqA

Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/channel/UCcBGKeV8FcvFEVkZdKxlN-w

Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/

Websayiti keenya http://abdiaminbakar.simplesite.com/

Inistagiram keenya https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/

Twiitara Keenya https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09            Nu duukaa  bu’aa nu hordofaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: