Design a site like this with WordPress.com
Get started

Breaking News

Gargaarsi Faranjii
Wayyaanee Kufa Oolche Moo?

Diaspora muraasni akkuma kuulii(qan siraa)tti aangoos Faranjii irraa eeggatti. Amerikaa fi Awrooppaatu Mootummaa Dr. Abiyyi Masaraa nuuf baasa jatteeti abdatti. Amma tanaaf milkooyne jachaa machoofti. Asirratti waan hubatamuu qabuutu jira.

1- Akka Dr. Abiyyi MM ta’ee muudameen Ameerikaatu isa muude warri ja’e Wayyaane ture. Sibhaat Naggaa kana ifatti hafasaa ture. Amma dhugaan ifa baate. Mootummaan Ashaangulliitii(Tolee) Ameerikaa ture Mootummaa Wayyaaneeti moo Kan Dr.Abiyyi ree?
2- Wayyaaneen Dr. Abiyyi Hidha Haaromsaa gurgurate jechaati ololaa baate.

Ashkarootni Wayyaanees soba gooftaa jalaa qabdeeti afuufaa turte. Amma Juntaan du’arraa haftee fi Ashkarootni isii Egypt(Masrii) fi Sudaan wajji hiriirteeti guutiinsa Bishaanii gufachiisuu hanga Itoophiyaa diiguutti diinota alaa kanneen waliin Biyya ofii waraanuuf hiriirte. Hidha Haaromsaa fi Itoophiyaa warri maallaqaan gurgurte Jara moo Dr. Abiyyi ree?

Gaafa Qeerroo fi Qarreen aduu guyyaa ajjeefamaa baate Faranjiin USA fi EU adunyummarra turan. Gaafas Mootummaa jarri kaayyateetu aangorra ture. Gaafas Mirgi dhala namaa fi Dimokraasiin ajandaa Faranjii hin turre. Dhumaatii fi Gabrummaan Oromoo fi cunqurfamtoota biroo dhimma Faranjii hin turre.

Amma Mootummaa wayyaaneetu hin jirre. Dr.Abiyyi akka wayyaaneetti ergamtuu Faranjii hin taane. Tanaaf Mootummaan Dr. Abiyyi Faranjii USA fi EU tiif hin taane.
Maaltu dhufa ree? Waanti dhufu gonkuma hin jiru. Way waan dabre dagachuu! Osuma Faranjiin Wayyaanee jiraachisuuf gargaarsa biiliyonotaan itti roobsituu Oromoon irree Qabsootiin harka qullaa Wayyaanee Faranjii aangoorraa hin fonqolchinee? Gargaarsi Faranjii Wayyaanee Kufaatii irraa hambisee ree? Osuma Jarri jiruu Abbaay Tsahaayeefaan adda adda hin rukutamnee?

Dubbiin irree teenya malee iyyaa fi gargaarsa faranjiitii miti. Doolaara jaraa miti. Tuqanii laalchuun waanuma jiraati. Faranjiin Kan nu gargaartu Jannata ittiin seenuuf miti. Dantaan gar lachuuti. Adunyaan ammaa adunyaa Filannoo hedduuti(Multi-Polar World). Tokko deemu tokkootu dhufa. Haala laalee Kan har’a kutees boru ofiif ja’eeti dhufa. Warri kaleessa wayyaanee abdatee geeyrare osoo hin bubbulin mar’atee gaafa booyan Argine. Juntaan jalaa duunaan Ashkarootni Masrii fi Suudaanitti dabran.

Saniis akka hin taane argan. Amma Faranjiin nuuf dhufteen gammadan. Dhihotti yeroo booyan ammaas ni argitan. Doolaarri gargaarsa Faranjiitiin hafu Humna Maddisiisuu Jalqabuu hidhichaatiin akka bakka bu’u gannuma kana argitan. Carraa danuu qabnu Misooma keenyaan dhihotti argitan. Ummanni Itoophiyaa Gargaarsa Farnjiitiin Wayyaanee Hin Kuffifne.

Gargaarsi hafuus Mootummaa Dr. Abiyyi hin kuffisu! Bishaan Marsaa 2ffaa ni Guutama!
Filannoo ni Filanna!!
By: Mohammedjamal Ahmed Usso

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: