Design a site like this with WordPress.com
Get started

Kamtu Biyyaa keenyaf Tahu qaba Jettuu mee?

Seerota Ajaa’ibaa kana Dubbisaa

Seerota Biyya Kooriyaa Kaabaa Keessa Jiran kana beektuu?

1) Kooriyaa kaabaa keessatti amantii kamiyyuu dhorkaadha. Waaqayyo jira jechuun nama adabsiisa.

2) Kooriyaa kaabaa keessa poolisii Tirafikii dubaraa qofatu jira. Dhiirri poolisii Tirafika ta’uu hin danda’u.

3) Filannoon biyyoolessaa kan geggeeffamu marsaa wagga shanitinidha.Garuu kaardiin Filannoon maqaa nama tokkoo qaba. So funny 

4) Kooriyaa kaabaa keessatti namni tokko yoo yakka hojjate amma dhaloota 3 fi maatin hundi itti gaafatamu.

5) Namni kamiyyuu Rifeensa isaa akkaataa mootumman eeyyamuun qofa sirreeffata akka assitti takka Firizii yoo barbaaddemmoo Goofaree filtee deemtu kun hin jiruka藍

6) Akkaataa pireezdantiin biyya sanaa uffatutti ta’ee akka inni rifeensa sirreeffatutti sirreffachuun tasumaa hin danda’amu

7)Konkolaataa fi Koompitera bitachuuf mootummarraa eyyama argachuu qabda.

8)Akka biyyatitti Television 3 qofatu jira. Innis dhaabbata mootummaa iddoo 3 qofa keessatti argama.

9) Kalandarii biyya Kooriyaa kaabaa 1912 yeroo mootiin isaanii Kim Sung 2ffaa dhalate kaasanii lakkaa’u. Isaan amma bara 109 keessa jiru.

10) Dhiirri Tokko durba waliin waa’ee jaalala kan inni haasa’uu danda’u yoo kan ishee fuudhu ta’e qofadha. Malee takka waliin haasa’e dhisemmoo kan biraa fuudhun tasumaa hin danda’amu. Isheedhuma jalqaba jaallate haasofsiifate fuudhuu qaba.

11) Gaafa guyyaa cidha isaani immoo bakka awwaalchaa Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.

12) Kooriyaa kaabaa keessatti akka biyyoota kaani taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaannamu. Uummati biyyaa sanaa Ofiif beekaniitu kan hojjatanirraa gaalii mootummaadhaf galchu.

13) Yeroo mucaan tokko dhalatu maqaa isaa maqaa pirezdantii isaanii baasun hin danda’amu. Yoollee utuu pirizdantiin isaanii hin muudamin dura baasanif ta’e maatin maqaa mucicha jijjiiruf dirqamu. Cal jedhani inni maqaa moggaasan hin jiru

14) Biyyi Kooriyaa kaabaa rakkoo humna ibsaa waan qabduf yeroo hunda akka guutumaa biyyattiitti iddoo murta’erra kan hafe halkan ibsan hin jiru.

15) Maatiin ijoollee barsiifachuf gara M/B yeroo ergu taa’umsa inni irra taa’u erguu qabu. 

16) Biyya Kooriyaa keessatti dhiirris ta’e durbi wayyaa urata fi tatarsa’a  uffachuun hin danda’amu.

17) Dhiirri suurree baay’ee dhiphaa uffachuun hin danda’amu. Ballinni surree isaa 50mm olin hodhisifamu qaba. 

18) Durbi gurra ishee fi arraba ishee urachuu  hin dandeessu. Lipistikii hidhishee dibachun dhorkaadha. uffaannaa isheetin safuu biyya sana eeguu qabdi. Akka asitti qullaa deemudhaf ga’an kun achi hin jiru

19) Biyyaattii keessa qaama miidhamaan mirga lubbuudhan jiraachuu hin qabu. Kun nama gaddisiisa !!

20) Magaalaa guddittii Piyonyang keessa nama eeyyamameef qofatu jiraachuu danda’a. kana jechuun magalaa finfinnee keessa jiraachuu mootummarraa eyyama argachuu qabda jechuudham.

20) Biyyattiitti keessa humni nama baratee 100%. Mucaan tokko dhalatee wagga 5 tti gara mana barumsaa dhaquu qaba. Hin taane taanan maatiin isaa adabbii hidhaa adabamu. Akka asitti ijoolleen wagga 10 tu mana barumsatti hin ergamne kana achi kun hin jiru.

21) Kooriyaa kaabatti durbas ta’e dhiirri ummurii wagga 15 irratti raayyaa ittisa biyyaarra barumsa loltummaa dirqamasaa fudhachuu eegala. Kana jechuun kan wagga 15 olii hundi loltuudha jechuudha.

22) Namni biyya sana keessa jiraatu hundumtuu Raadiyoo bitachun dirqamadha.

23) Kan isin dhibummoo  Radiyoo biyyattii halkanis ta’e guyyaa  sagalee hiri’isuu malee dhaamsuun hin danda’amu.

Namichi suuraa irratti argitan kun immoo  pirezdantii isanii ammaa Kim Jong-Un uummurii isaa 39 yoo ta’u angoo kana abbaa isaarra dhaale.

Mee Seerota kana keessa Utuu biyya keenyattis ta’ee kan jettan lakkofsa meeqaffaadha?? 

Yaada keessanif Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar
._______,,,___¿________
#Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluufi Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuuf;

Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar

Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa  https://youtube.com/channel/UCfNWzAsd9sAsuQGv7QYErqA

Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/channel/UCcBGKeV8FcvFEVkZdKxlN-w

Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/

Websayiti keenya http://abdiaminbakar.simplesite.com/

Inistagiram keenya https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/

Twiitara Keenya https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09            Nu duukaa  bu’aa nu hordofaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: