“Araada jaalatamaa
Dubbisuu!

Araada baay’een ittiin rakkatu irraa adda. Araada aara hin qabne,…araada jaalatamaa! Araada kanaan qabamuun carroomuudha. Namni araada kanaan qabame sadarkaa itti aanutti darbuuf tattaafata malee dhiisuuf yaalii hin godhu. Araada jaalatamaa! Abbaarraa ilmatti, hangafaa qixisuutti, kan duraa irraa kan dhufaatti osoo darbee daandii mil’uu gara kaleessaa, sakatta’insa isa har’aafi mul’ata boruu ta’uun dhalootaaf miidhagina hiixata. Eeyyeen! Namaarraa namatti yoo darbe dhiibbaan isaa ba’aa osoo hin taane bu’aa buusa, qara baasa, daba sirreessa, dhangaa nyaataafi dhugaatii ta’uun dheebuufi beela bakkaa kaasa. Araadichi araada jaalatamaadha!
Nama araada kanaan qabameefi hin qabamne jidduu garaagarummaa mul’ataatu jira. Araada jaalatamadha…kanaafi! Bu’aan araada kanaa arraba gabaabsa, afaan dhiphisa, sammuu immoo daran bal’isa. Eeyyeen wallaalaa beekaa godha, beekaa immoo ittuma qara. Keessaa namaa haaressuun fakkaattii alaa jijjiira. Quba namatti qabbii hir’isuun, of beekuufi sakatta’insa keessaa namatti dhiyeessa. Of nama barsiisa! Kan of bare immoo, ofiifis ta’e hawaasa keessa jiraatuuf jal’isii ta’ee kan goge jiisaa, kan jiidhe immoo lalisiisa malee, lolaa ta’ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin gololeessu. Araada jaalatamaa! Araada dubbisuu sana. Araada dubbisaa!
Namni dubbisus isa hin dubbifne irraa adda. Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma daamuuti; dhaggeeffataan ‘dhaggeeffadhuu’ malee dhaggeeffachuuf dirqamama. Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan hin mo’atamu. Hayyee, araada dubbisaa haa horannu!
#Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluufi Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuuf;
Teelegraama keenya:
https://t.me/abdiaminbakar
Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa https://youtube.com/channel/UCfNWzAsd9sAsuQGv7QYErqA
Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/channel/UCcBGKeV8FcvFEVkZdKxlN-w
Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/
Websayiti keenya http://abdiaminbakar.simplesite.com/
Inistagiram keenya https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/
Twiitara Keenya https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09 Nu duukaa bu’aa nu hordofaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Haa dubbifnu!
Maatii Badhaadhina!
