Design a site like this with WordPress.com
Get started

Gaffii

Gaaffii Tokko!

Dr Abiyyi qabsoo Oromoo gane jechaa dhageenya! Kun gaaffii ulfaataa kaasa. Namuu of haa gaafatu! Jalqaba Abiyyi maaliif Oromoo gana? Abiyyi nama bara dukkanaa san injifannoo Oromoo raage! Nama kophaa ofii Afaan Oromoo federaalessuuf falme! Nama eegdoo malee masaraa seene! Nama Geetachoo Asaffaa,isa akka Rabbii sodaatamu, jala taa’ee xalayaan bakkaa irraa kaase! Nama hidhamaa kumaatama hiiksise! Nama baqataa danuu biyyatti dachaasuuf murteessee xayyaara ofiitiin galche! Nama bilisummaa miidiyaa dhugoomse! Duuba yoo Dr Abiyyi Oromoo gane eenyutu Oromoof amanama? Oromoon Oromoo caalaa Oromoo ta’e jira moo Oromoon cirumaa amanamaa hin qabu? Tun gaafii tiyya!


Akka ilma namaatti Abiyyi addunyaafuu amanamuu qaba. Addunyaaf amanamuun Afrikaaf amanamuu hin dhoowwu. Gaanfa Afrikaaf yaaduun Itoophiyaa dagatuu miti. Akka Muummicha ministeeratti Abiyyi Itoophiyaaf amanamuu qaba. Itoophiyaaf amanamuun ammoo Oromoo ganuu miti! Rakkoo ykn qananiin gaanfa Afrikaa seente Itoophiyaa fi Oromoo hin hanqattu. Xiqqoo dubbii ol kaasuu wayya!
Kaleessa Lammaan goota Oromoo ta’uu amansiisuuf guddoo rakkanne. Warruma hardha Dr Abiyyi abaarutu Lammaan “gantuu” ergaa Geetachoo Asaffaa himu ta’uu lallabaa ture. Gantummaa fi gootummaan waan kiisii namoota muraasaa keessa jiru fakkaata. Oromummaa fi sabboonummaanis baankii dhuunfaa isaanitti galuu hin oolu. Jaratu haala qilleensa laalee abbaa fedheef kennee abbaa fedhe dhoowwata. Guddoo nama kofalchiisa! “Edaa kanniintu qotaa midhaan nama singiggeessa” jedha Oromoon gaafa madda rakkoo argu.
Garuu hin taatu!

“Oromummaan dhaloota,
Haquu hin dandeessan nurraa!
“Warshaan olola dharaa,
Harka haa kaaftu nurraa!”
Artist Adam Harun

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: