Addunyaa kanarra wanti barabaraan jiraatu hin jiru.
Gaddis ta’e gammachuun, kufanii ka’uun, argatanii dhabuun, kolfis ta’e boo’ichi yeroo isaanii eeggatanii numa darbu.
Godaannisni taatewwan kanneenin wal qabate dhufu; akkuma gatii wantichaaf qabnutti hammaachuus; salphachus danda’a. Inni tokko tokkoo ammo kan hin dagatamne
dha. Akkuma hafuura baafachaa jirru; marsaa dhiigaa waliin haaromun
nutti dhaga’ama. Hara-galfiin dhukkubichaas du’a keenya qofaa ta’a.
Armaan olitti kanneen kaasne miirachuuf garuu, lubbuun jiraachuun dirqama, tarkaanfachuun dirqama, abdii godhachuun dirqama. Maalif ta’e hin jennuu waaf-ta’e!
Baga ta’e! Baga gaddine, baga kufne, baga cabne, baga dhiigne.
baga aarsaas kaffalle.
Namni dukkana hin argiin;
gatii ifaa hin beeku, namni hin gaddiin; kolfaan hin wal’anamu, namni hin
kufiin; hiikkaan ka’anii deemuu isaaf hin galu.
Kanaaf dhaloota qubee;
miira osoo hin taanee yaadni nu yaa hoogganu.
Miirri yaada dursee hojiitti galuu mala.
Garuu hin bubbulu, miirri ilaaf-ilaame
hin beeku, miirri hara-galfii yeroo; gaabbii umrii guutuuf nama saaxila.
Miirri gatiin isaa xiqqaa; dammaqsuufis salphaa waan ta’eef; danuu namootaaf saaxila ba’uu mala. Warri yaada gatii qabu namaaf yaadan,kennan garuu ayyaantota qofa.




