Design a site like this with WordPress.com
Get started

Yeroon Waan Hunda Jijjirtii!! Ati Garu Rabbif Jecha Akka hunda Laaffisi laalii?

Yeroon waan hunda jijjiira!Na’am
………..
Yeroon kan  ati  haqa hin qabnees abbaa haqa si gootii!!
Yeroon kan at haqa qabdus abbaa badii si gootii!
Yeroon kan jigees ni kaftii,
Yeroon kan ka’ees ni kuffistii!!
Yeroon kan ati arra abdattes ni kuffisti,
Yeroon kan ati as geha hette hin egnees iddoo ati itti hin eegin san geessiti.!!

Kanaafuu Gocha tokko Ykn Garte Murteedhaf hin jarjaarin Rabbiin waan hunda garagaggalchaa akka ati obboleettin tee Ykn obbolessi kee wanta fedhee yoonif balleesses, ilaalcha gaarii fi bada kankee akka nama si barufi.
Rabbin osuma yaada kee si beekuti Qormaata akkasi sif qopheessa

Daba namarrati hin hojjatiin ,Haqa argadhee jettees hin iyyiin,yeroon waan fidee dhufu hin beekkamu jechumaafi!

Kan arra wal jaalate boru wal jibbu malaa, atimmoo waljibban jettee gareetee godhachuuf figdee hin xaarin, bor ni qaanoftaa!
Kan arra waljibbee boru deebi’ee jaalala jibbansi boodan hin jirree wal jaalachu maluu! ati immo garee taate gama tokko akhafnan, ni qaanoofta dhumarratti.

Yeroon akka ati Wanta Dhageesse san mirkaneeffatte Shira namatti yaadduf, Ykn akka ati ilma namaatif ilaalcha gaarii qabdu silaaluf,
Yeroo takka takka kan silaa ati haqa ni qaba jette yaadduf san irratti haqa isaa dhorgiti yeroo xiqqoof, Gaafa ati ilaalcha kee dadhaba san baafatte fixattee immoo akki ati egdee fi akki dhufee gargarii.!!
Gaafa ati immoo ani duraanin jedhee akka namni san dandiirra hin jirree jette ,Namoota gaafa dhimmi san umamee itti himtee akka waan raaga ilaaletetti guyya san hasawa kankee mirkaneefachuufi akka namoonni san ganaa wanta ati jettu dhugaadha jedhanii fudhataniif,
Gammadde bilbilteefi itti himuu egalte, akkasumas Soba tokko tokko itti dalbalte akka namni san ganalle namoonni ati itti himte san ilaalcha biratti isa fudhatanif jettee gaafa akkanatis wanta akkana isa hojjatu arge gaafa kaanis isaa waan akkasi godhuun argee jette ati afaan guutudhan, akka ofii qulqullu tokkotti hasawa keessatti of hirranfattu Yeroon ammas Namticha sanif deebifteeti haqa kennitif!!

Ati immoo gaafas Sammuun miidhamta Ykn atis Osuma huma hin balleessin shirri tokko lafa sitti ka’aa gaafa ati wanti kun hin jirtu jette boochu wantichii suma irratti murtaawa.
Yeroo ati….?

Hundaafuu Yeroo takka takka osum sila haqa qabdu Rabbif jecha abbaa badii tahii xumuri, Yeroo san Rabbin waanwaan san Caaluu bakka sif buusaa,

Gaafa Haqa xiqqaa tokko argannan Qomaa dhibdee,Rabbi hirranfatte iyyaa oltee,
Rabbiin badii namni biroo sif dhiisu hin dandeenye sitti fidaa!

Gaafa fitti si kaase nama tuffachuu jalqabdaa jedhan… warra dhala namaa tuffatu rabbiin nu hin godhin

Balbala Rabbi namaaf bane eenyuutu namatti cufa yoo Rabbuma qofa taate malee?!
Yaa Rabbii keenya balbala tee tan rahmataa san nurraa banii nuuf Araarami!

Jaalalli warra nu jaallatu qofaaf jaalalaan deebii kennuu danda’uu irra kan darbe warra nu jibbanii fi nu miidhaniifis jaalala dhugaa kennuu danda’uu keenyaan saffaramaa!

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: