Rakkinni Tokko sitti Dhufnnaan Furmaanni Si Dhufee jechuudha, Abshiir Jedhii Rabbii kee Abdadhuu!!𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐭𝐭𝐮, 𝐇𝐢𝐧 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐰𝐢𝐧 𝐅𝐮𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐡𝐚𝐭𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐚?

퐆퐚퐚퐟퐚 퐑퐚퐤퐤퐚퐭퐭퐮, 퐇퐢퐧 퐘퐚퐚퐝퐝퐚퐰퐢퐧 퐅퐮퐫퐦퐚퐚퐧퐧퐢 퐃퐡퐢퐡퐚퐭퐞 퐣퐢퐫퐚?

Gaaf tokko mucaan tokko beela’ee mooraa dubartii ollaa isaanii tokko keessaa muduraa hatee nyaachuuf ol itti seene.  Seenee muduraa kutachuuf muka tokkotti yommuu ol ba’u, sareen mooraa keessa ture tokko fiigaa itti dhufe. Yeroo kana micichi naasuudhaan mukicha irraa lafaan of dha’ee saricha baqachuutti ka’a. Mooraan dubartii kanaa gimbii guddaan marfamee waan tureef, dirqama gimbicharra utaaluu qaba ture.

Yommuu ilaalamu waan danda’amu hin fakkaatu. Lubbuu isaa olfachuuf garuu mucichi gimbii ol ka’aa sana irra utaalee ala bu’e.  Erga utaalee ala bu’ee booda gala galee yommuu ilaaluu, waan ta’e amanuu hin dandeenye. “Eessaan humna fidee? ” jedhee of gaafate. Rakkinni isaa durumayyuu humna dhabuu osoo hin ta’iin, akka humna qabu wallaaluu isaa ture.

Kaayyoon barruu kanaa eenyummaa kee, ga’umsa kee si hubachiisuudha. Amma dandeettii kee, ga’umsa kee hubatteetta jedheen yaada. Walumaa galatti albuuda baayyee gadi fagoo ta’e kan yoomiyyuu bira hin ga’amne of keessaa qabaachuu kee bartee itti fayyadamuu qabdaan dhaamsa koo fi kan barruu kanaati!

Bartee miti Gahumsa keessa kee jiru?

GAHUMSA DHOKATAA KEESSA KEE JIRU HUBADHU

Published by abdiaminbakar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started