Ati namadha!
Gaafa dhalattu sammuu yaaduu danda’u, yaadee immoo karoorsu, karoorsee immoo hojiin mirkaneessuu danda’u waliin gara addunyaatti dhufte. Addunyaanis nama ta’uukee gaafa argitu ililchaa gara isheetti si simatte.
Eeyyee! Ati uumama addaati. Waan argite ija qalbii qabuun ilaali. Waan siif hin galle gaafadhu. Namni hedduun waan kun hin gaafatamu, hin qoratamu yoo siin jedhan, “Wanti hin gaafatamu, hin qoratamu, jedhan kun maaliif hin gaafatamuu?” Jedhii gaafadhu. Waan sitti fe’an hunda hin baatin.
Waan hin tuqamu jedhanii namoonni hedduun sodaatan tuqi. “Maaliif hin tuqamuu?” jedhii gaafadhu. Waan sodaatamu hunda hin sodaatin. “Maaliif sodaatamaa?”jedhii gaafadhu. Waan namni biraan godhi siin jedhe, waaniif gootu yoo siif gale malee hin godhin. Waan namoonni hedduun dalagan marti qajeelaa miti. Waan namoonni hedduun jibban hundis summii miti.
Qalbeeffadhu! Ati gaafa gara addunyaa kanaatti dhufte, sammuu yaadee gaafatu, xiinxaluu, qoratuufi waa uumu, darbees handaara lafaa hundumayyuu marsee waa baruuf dandeettii qabu waliin gara addunyaa kanaatti dhufte. Uumaan sammuu keetti dhimma baatee, ittiin jireenyakee akka gaggeeffattuuf si badhaase.
Namni akka looniitti dallaa yaada keetti yoo ijaare cabsii bahi. Namoonni seera tumanii kana hin darbin yoo siin jedhan, wanti siif malu daangaa sanaan gama yoo ta’e, seera irra darbii waan siif malu argadhu. Sababni isaa yeroo tokko tokko seerri hundi dhugaafi qajeelaa miti.
Sanduuqa yaadaa keessaa bahi. Yaadnikee baruuf, abuuruuf, uumuuf, si jiraachisee nama biraafillee ifa akka kennuuf itti dhimma bahi.
Waan naannookee marsee mara qalbii mana buleen ilaali. Waan siif kennan hunda hin nyaatin. Hundas hin gatin. Waan si barsiisan hundi qajeelaa ta’uu waan dhiisuuf hunda akkuma argattetti gara sammuukee hin geessin.
Barnoota argatte kamiyyuu akka qaamni keenya nyaata daakee bulleessuun keessaa kan isa fayyadu fudhatu sanatti qaaccessii fudhadhu. Waan na hin fayyadu jettee yaaddu keessaa waan si fayyadu argachuu da