Onnee tiyya keessaa
Qabaatuu turte bakkaa
Yoo dubbiin jabaatte
Haqamuunis daqiiquma takka**
Anoo ofitti hin yaanne
Takkaatuu akkan si jibbuu
Ammaa narraa dhufee
Dhiifama naaf godhi lubbuu**
Akkaataa jireenya kootii
Keetiin madaalchisee
Wal naaf simuu didee
Mataa koo dhukkubsee**
Atiif kennaan turee
Iddoo guddoo jaalalaa
Amma si jibbeeti
Fagaadhee si laalaa**
Jibbi koo akkumaan
Dhimma malee mitii
Atiitu fakkeessituudha
Dhugaa ati namaa mitii**
Fuulli kee ngyaa kan
Anaaf mul’atu
Gaafa narraa garagaltu
Hamtu ati hojjattuu**
Dhugaa dhoksitee
Sobaan jiraachuu feetaa
Dubbiin akkasii kun
Keessa koo dhukkubsaa jiraata
😢😢😢😢😢😢😢😢😢
@AbdiAminBakar