Yaa Rabbi Kiyya Sin Kadhaa?
Hawwii fi hamileen too akka malee yoo guddattes murtee teetitti amanuu nan dhoorgitu. Jiruu tiyya Muuxannoo fi oogummaa kiyyaan oofuuf tattaaffadhus Qadaa fi qadara fi Mishii’aa teetitti amanuu irraa nan baaftu.
Ani Yaadee muree murteeffachuu danda’us ta ati keessa hin jirre cilee bishaan buute tahuu nin amana. Ilaalchaa fi yaada kiyya jidduu gala Qur’aanaa fi hadiisa irraan fudhadha. Kanaafi ganamaafi galgala siin galatoomfadha.
Asumaanuu Yaa Moowlaa Malaa fi heelaa an qabu hedduu laaftuudha. Ati na jabeessi, ati Na cinaa jiraadhu, Na utubi, Shakkiidhaan akka muka qilleensi olii gad oofutti olii gad nan oofin.

Bahara beekumsaa natti naqiitii beekumsa dhugaatiin na raggaasisi. Jechoota fi barreeffama akkasuma gocha kiyyallee Gaarii naaf taasisi. Yaa Mowlaa Ati anaa achitti gabroottan hedduu qabda. Garuu an si malee maalin qaba?
Jiruufi Jireenya Cufa keessatti Haqaa fi dhugaa na gaaxxamsiisi. Yaa Mowlaa Jabeenya keetiin Hulaa taqwaa Teetii Tan Ikhlaasaan faayamte baniiti keessa na galchi.
Yaa Mowlaa Addunyaa tanarratti Waan barbaachisu cufa hojjachuuf haala naaf mijjeessi. Yaa Razzaaq Hulaa rizqii teetii naaf bani. Yaa Moowlaa taniin hambises naaf qeebali.
Yaa Rabbi namoota dubbisaniifis qeebali. Waanin an hambisees itti guutiifi isaan gammachiisi
Du’aa’ii Ramadaanaa!