Design a site like this with WordPress.com
Get started

Sammuun Irreen Oli!

Sammuun Irreen Oli!

Qaamaan bilisa ta’anii sammuun gabroomuurra sammuun bilisoomanii qaamaan qabamuu wayya.
Baay’een qaamaan qabamee sammuun garuu qabaadhaa oli. Kaanimmoo, qaamaan iddoo fedhe ooluu danda’ullee, yaadaan saanduqa namni biraan hojjeteefii keessa jiraata.

Akkanaan gabrummmaa bilisummaa fakkaatu weeddisaa bara lakkaawwata. Hidhaan qaamaa irree keessa; kan sammuus sammuumarraati.

Hamma abbaan hineenyamnettis, namni sammuu ofii nama jalaa akka fedhe godhatu hinjiru. Sababnisaas eenyuyyuu hidhaa ittiin sammuu nama biraa hidhu ofharkaa hinqabu.
Abbaan irree/humnaa, humnasaan nama reebuu danda’a; qabees iddoo barbaade nama geessa ta’a, garuu sammuu namaa ofharka galfachuunsaa waan hinyaadamne.

Sammuun irreen oli! Humnaan jabaachuun yaadaan fagaachuu miti; yaadni kan sammuu qofaati! Kanaafuu, qaamakee tikfachuuf yookaan faayidaa yeroof, bilisummaa sammuukee nama biraaf hinkenniin. Sammuun bilisa bahe, qoricha waan hundaati. Warreen qaamaan qabamanii jiranis sammuun qabaman jechuu miti. Sammuun irreen oli! Harka hinkenniin!

Dubbisuun qarooma dubbisuu dhisuun doofummaadha.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: