Hin yaaddawin!
Maaliif akka ati yaaddu ta’uu dhabeef Hin rifatin. Rabbiin Keenya Moowlaan Hakiimi. Waan siif Gaarii isaatu sirra siif beeka. Gaafa Soorassummaan namoota kuuwwaniif Gaarii hiyyummaan kee si hin yaaddessin.
Kun akka ati jabaattee carraqxuuf hulaa siif banuu qaba malee akka ati yaadaa fi hiraariin umrii tee gabaabsituuf waan siif kennamee miti.
Ati jabaadha, tan dhabde argachuu dandeessa, ati jabaadha tan sirraa fuudhamte deeffachuu dandeessa, ati jabaadha Onnee guutuun hulaa sitti cufamte Qofa daawwataa hin oolin. Hulaa banuu dandeessu kan biraa hedduu akka jiru ofitti himi.
Bitaan yoo sitti Ulfaate Mirgaan karaa baafadhu, Gubbaan yoo siif mijjatuu baate Jalaan Firraa bani.
Addunyaan Irra jiraannu tun filannoon tan guutamteedha. Filannoolee baay’ee kana keessaa tan siin wal gittu akka hin dhabamne beeki.
Filadhu gaafa siif milkaawuu dhabe karaa jijjiirii filadhu. Hamma kan kee argattutti filachuu dhaabuu hin qabdu.
Kan namoota si Cinaa jiran ilaaltee hawwuu dandeessa.
Garuu maaliif akkas taate akkuma namni bifaa fi ilaachaan wal dhabutti kennaan isaaniif kennamus wal dhaba.
Iccitii barruu kootii hubatta taanaan deebitee akka hin gaddine adaraan sitti dhaammadha.
Namoonni Waan Siif kennameef si jibban yoo jiraate namoota milkaa’ina kee hin jaalanne tahuun si yaadachiisa.
Kanaaf hojii keetirraa harka guurratte taanaan kaayyoo isaanii galmaan gahuuf qophiirraa jiraachuu kee akka narraa hin daganne.

Jabaadhu, jabaadhu, Jabaatu jannataawuu bitataa ni beeytaa mii?