Paarkiin Agroo Industrii Qindaa’aa Bulbulaa Guyyaa Borii ni Eebbifama!
Godina Sh/ Bahaa, bakka Bulbulaa jedhamutti bara 2010 irraa eegalee ijaaraamaa kan ture paarkiin induustrii qindaa’aa omishaalee qonaatti sona dabaluun qindeessu kan lafa hektara 271 irratti Ijaaramaa ture xumuramee Ebla 30/2013 ni eebbifama.
Paakiin industrii qindaa’aan omishaalee qonnaa qindeessu kun walumaagalatti bajata qarshii biiliyoona 10.4-n kan ijaarame yoo ta’u’ g/galeessa paarkii Industrii Qonnaa Qindaa’aa Bulbulaa, Giddu gala cehumsa baadiyyaa Maqii, Shaashamannee, Dodolaa, Roobee, Itayyaa fi Walancittii kan ofjalatti hammatu ta’ee ijaarsi isaa xumuramee kan misoome dha.
Paarkiin Agroo Industrii Qindaa’aa Bulbulaa keessoo isaattii gamoo mana jirenyaa abbootii qabeenyaa industriiicha keessatti missomsaniif kan oolu 248 kan qabu, olmaa daa’immanii , Buufata Poolisii , garee ittisa balaa ibiddaa , kilinika, giddu gala laaboraatoorii,giddu gala leenjii, gamoo baankiiwwanii, gamoo tajajiila maraa fi kkf kan of keessaa qabudha.
Paarkiin industrii kun yeroo tokkotti abbotii qabeenyaa 150 ol simachuu kan danda’u yoo ta’u buu’uuraalee misoomaa maqsa balfawwanii sadarkaa idil adunyaa eeggate guuttachuun kan ijaaramedha.
parkiin induustrii kun carraa hojii lammiilee 70,000 hanga 100,000 ta’aniif kan ummuu dha.
Paarkiin industrii kun yeroo guutuummaatti hojii eegalu omishaalee qonnaa buna, midhaan nyaataa, kuduraa fi muduraa, foon, aannan, lukkuu,dammaa fi kkf tti sona dabaluun gabaa biyya keessaa fi al ergeedhaaf kan omishu ta’a!
keenya Oluma!
Baga Gammaddani!