GORSA MAANGUDDOOTAA IRRAA

1, Namni beekaan onnee lama qaba. Tokko yoo jalaa madaaye tokkoon qabsaaya.
*
2, Gaarii yaaduufi hojjachuu keetiin nama si dhabu malee namni ati dhabdu hin jiru.
3, Dhugaan yeroo kamuu qullaa deemuu ni danda’a. Sobni garuu yeroo hunda uffatee tuullatee bareedee mul’achuu qaba.
4, Boru; har’aafi kaleessa kee caala wan ta’eef
kaleessa kee yaadachaa borii kee fageessii
ilaali!
5, Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisiifatanitti osoo hin taane warra si tuffatanitti.!
6,Jaalalli hanga adda bahiinsi isaa gahutti gadi fageenyi isaa hin beekkamu.
7,Gammachuu fi gaddi addaan hin bahan. Tokko si cinaa yoo taa’u; tokko ammoo mana
hirriibaa kee keessa akka jiru hin dagatin.
8, Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du’a irraa si hin oolchu.
9, Namoota hammeenya siif yaadan tuffattee bira darbuun; Isaan irra wayyaa ta’uu kee itti agarsiisudha.!
10, Hanga hin dhaabbannetti tirachaa deemutti jirta taanan iddoo yaadde numa geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuutu caala.
Maanguddota irraa…!!
#Lke #Share