








Biyya akka biyya ofitti saboottan waloon hin jaalatamne tan base ykn backgraund waloo tan eenyummaa biyyaalessaa qabdu Uumuun baayyee ulfaatuus imalli ati eegalte ni milkaa’a.
Biyya akka biyyattiis jaalatamtee eenyummaa sabummaa fi eenyummaa biyyaalessaas kabajjee jiraattu uumuuf qormaataa fi gufuu hedduutu nama mudata,, Qormaata injifattee ni injifatta.
Obsaan dubbisaa

Waggaa Sadeen har’aa Gaafa Aangoo hooggansa biyyaa Abbichuun fudhatu fi Har’a. Garaagarummaan jiru maal fa’i.
Waggaa sadeen har’a Itoophiyaan akka Yuugoslaaviyaa fi USSR bakka hedduu addaan qircamuuf biyya fiixeerra ture.
Waggaa Sadeen har’aa biyya keenyatti fixiinsi sabaa akka Fixiinsa Rohingia dhalachuuf miixutti turre.
Waggaa sadeen har’aa biyya keenyatti lolli sanyii duguggaa Sanyii akka Rwanda Huttuu fi Tussii dhalachuuf xiqqumatu hafe.
Waggaa Sadeen har’aa Biyyi diigamtee Itoophiyaan akka Libya fi Yemen dirree itti Shororkeessonni burraaqan taanee, Kabajaan Biyyummaan nurraa hafee, fakkeenya fixiinsa taana jennee yaaddoo guddaa keessa turre.
Waggaa Sadeen har’aa Seenaa Biyyoota diigamanii yaadachaa, yoo biyyi kun kufte wayi deebitee ijaaramti laata jennee, miira abdii kutannaa keessa turre.
Waggaa sadeen har’aa, haala abdii kutachiisaa keessa teenye, Waadaa Abdii gaarii Waaqayyo biyya kanaaf seene jedhamee Kitaaba Qulqulluu fi Qura’aana qulqulluu keessatti katabe yaadachaa of jajjabeessaa turre.
Waggaa Sadeen har’aa Sirni biyya keenya waggaa 27’f hoogganaa ture, Shira seexanummaa isaan Itoophiyaarra darbee nageenyaa fi hariiroo biyyoota gaanfa Afriikaa goolaa ture. Djibouti fi Eritrea, Eriterea fi Somalia, Somalia fi Kenya walitti buusee, qaxanaa Gaanfa Afrika giddugala Daldala Kontorobaandii godhee, Qaxanaa Sagaleen waraanaa irraa qaaccilu godhee ture.
Waggaa lamaan har’aa Diinagdeen biyya keenyaa Zero ta’ee, Tuullaan Idaa addunyaa mataa nu yaabbatee, biyya Ji’a tokkoof illee Miindaa Hojjetaa kaffuu hin dandeenye turre.
Waggaa sadeen har’aa murni xiqqoon Aangoo Siyaasaa fi Diinagdee shiraan too’atee Qe’een saba bal’aa onee, abbaan qe’ee karaatti kufee, Abdaarii fi Ciibsaan loon abbaa qe’ee gogee, qe’ee Ilmaan Tuulamaa akka qe’ee abaarsaa taate.
Waggaa sadeenn har’a Lammileen keenya biyya ambaatti kabajni namummaa irraa mulqamee, Itoophiyummaan salphatanii mataa gadi qabatanii, qaaniin jiraatu turan.
Waggaa Sadeen har’a Namni mirgi Yaada addaa qabaachuu irraa mulqamee, mirgi namoomaa, demokiraasii waan jedhamuu hafee, Dirreen Demokiraasii akka qaawwaa lilmoo dhiphate, Mootummaa irraa yaada addaa qabaachuun yakka ture. Hooggana fi miseensa Paartii Mormitootaa taanan manni kee Qilinxii ta’ee biyyi biyya dararaa turte.
Har’a Waggaa Sadeen(3) booda.
Falaasamni Ida’amuu Sirna Gadaa irraa waraabame Saboota biyya kanaa walitti hidhee, miira tokkummaa fi wal jaalalaan abdii Badhaadhinaa biyya kanaa akka ta’an taasise fuuldurri keenya diigamu fi bittinnaa’uu osoo hin taane Badhaadhina ta’uu nuuf mirkaneessee jira.
Har’a Humni Fixiinsaa fi duguuggaa jumlaa godhuu fedhu jiraatus, Gareewwan addaa addaa, Sabaa fi sablammoota gidduu wal Shakkii fi wal gaarreffachuurra wal jaallachuu fi wal abdachuun bu’uura jabaa irratti ijaaramee hunduu waliif abdii fi hirkoo ta’ee waadaa isaa haaromsee, Fiixee Badhaadhinaa irraa ga’uuf waloon caarraaqaa jira.
Har’a Sabaa fi Sablammoota gidduutti wal amantaan dagaagee, Biyya hunduu waliin ijaare keessatti hunduu wal qixa gahee hooggansaa fi diinagdee bachaa jira.
Har’a Itoophiyaan akka Yuugoslaaviyaa fi USSR Yaaddoo diigamuu fi bittinnaa’uu jalaa baatee, Jaarsa fi beekaa Biyyoota fiixee diigumsa irra jiranii taate. Fkn Sudaan fi Sudaan Kibbaatti osoo Abiyyi dhaqqabuu fi maaltu akka muudachuu danda’u namni xiqqoo waan walmorkii Siyaasaa hin hammayyoofnee beeku numa beeka.
Har’a nun Lammileen dhugaa biyya kanaa Walgarreeffachuu, wal shakkuu keesaaa baanee, yaaddoon diigamuu fi bittinnaa’uu biyyaa ofirraa hurgufnee Walitti ida’amnee, abdii Badhaadhinaa horannee, bakka Waadaa Rabbi Kitaaba Qulqulluu fi Quraana Qulqulluu keessatti nuuf gale gahuuf carraaqqachaa jirra.
Ha’a erga Hooggansi Jijjiiramaa Ilmaan Abbaa Gadaa biyya Jabduu gaanfa Afriikaatti aangoo qabatanii Gaanfa Afriikaatti fooliin nagayaa urgaa’e. Waraanni waggaa 20 Ethiopia fi Eriteria hafee nagaan bu’ee jira.
Wal waraanuu fi walitti gaarreffachuun Djibouti fi Eritrea jidduu hafee, Somalia fi Eritrea gidduutti nagaan bu’e. Somalia fi Kenya waraanaan dhukkee walirraa kaasuuf turan walitti araaraman. Sudaan Kibbaatti Mootummaan ce’umsaa addunyaan hundeessuu yaalte dadhabde ni hundaa’e.
Duumessi wal fixiinsaa Sudaanotaa fi diigamuu Sudaanitti dhufe hafe Sudaanitti mootummaan Siivilii hundaa’e.
Gaanfi Afrikaa kuni qaxanaa yaaddoo fi daldala Kontorobaandii irraa qaxanaa nagayaa ta’ee, amma immoo Walitti hidhamiinsa diinagdee biyyoota gidduutti uumamuuf jiruun Giddugala Oomisha, daldalaa fi Turizimii addunyaa ta’uu dhiibbaa gama diinagdeen naannoon kuni Addunyaa irra uumuuf jiru guddaatu jira.
Bu’aa hooggansi Ilmaan Abbaa gadaa Gaanfa Afriikaatti nagaa buusee, Walitti hidhamiinsa Diinagdeen walitti dammaruuf godhe kan ilaalte Addunyaan Badhaasa Addunyaa irratti tokkoffaa ta’e Nobel Nagayaa Muummicha Ministera fi biyya keenya badhaaste.
Har’a biyya keenyatti Riiformii diinagdee Biyya keessaa biqile hojiirra oolchuun Diinagdee biyyaa qonnaa mala aadaa irratti hundaa’u qofa osoo hin taane, Turizimii, Industry, Daldala, Tajaajiloota adda addaa fi Seektaroonni biroo gahee diinagdee keessatti bahachuu qaban akka bahatan tahaa jira.
Addunyaanis Riifoormii gaggeeffamaa jiru irratti amantaa guddaa horachuun Deeggarsa maallaqaa gurguddaa Riifoormicha milkeessan gochuutti jira.
Haala ta’een Dhaabbileen maallaqaa Idil Addunyaa akka IMF baajata mootummaa idilee biyya kamiituu deeggaranii kan hin beekne Dollara bill hedduu Baajata idilee Mootumma deeggaraa jiru.
Gama biraan har’a Diinagdeen biyyaa gaafa Wayyaanee kan murna muraasaa ture, guddinnii biyyaa dhufuu fi Qabeenyi biyyi horattu kan uummata bal’aa ta’ee jira.
Maqaa Investment fi waan biraan qe’ee namaa onsuun, abdaarii fi cibsaa loon abbaa qe’ee akka mortuu gogsuun waan hin yaadamne ta’ee jira.
Har’a Tarsiimoo Dippiloomaasii Kabaja biyyaa fi lammilee irratti hundaa’u hordofnuun Itoophiyaanummaan kan itti qaanfatan osoo hin taane, kan itti boonan ta’ee jira.
Namoonni biyya ambaatti hidhaman hiikamanii, kan biyyarraa baqatan biyyatti galani.
Muummeen keenya Xiyyaara ofiif ittiin biyyoota biroo deemuun lammiilee hidhaa irraa hiiksisee fudhatee galu argachuu caala eebbi wayi jiraaree?
Har’a Dirreen Siyaasaa bal’atee, Mootummaa mormuun, Qeequun, arrabsuun mirga ta’ee, Paartii ijaarrachuun mirga ta’ee, Akka fedhan haasa’uun, barreessuun, Gaazexaa, TV fi Radio banachuun mirga ta’ee jira.
Namni waan yaadeef ykn ejjannoo Siyaasaa isaaf hidhamuun sichi biyya kanatti seenaadha jechuudha.
Hoogganoonni fi Miseensonni Jaarmiyaalee Siyaasaa hidhaa hiikkamanii, Dhaabbileen Siyaasaa fi Hoogganoonni Siyaasaa akkasumas Miidiyaaleen biyya alaa taa’anii dhimma biyya isaanii haasa’aa turan hunduu sassaabamanii gara biyyaa galani.
Jijjiiramoota waggaa lamaa duraa fi har’aa hedduu jiraatullee kan hafe itti deebina.
Mee Hooggaanni Waggaa lama qofa keessaatti jijjiirama hanga kanaa fide yoo jiraate seenaa Addunyaa kana keessatti eenyu as fidaaa?